Ammo nami isa d'agaye ch'ufti mame waan jed'e, Kunini namicha nama maqa kana yaamatu, Yerusalemu keesati, ijeese kaaniyu? Ammalle wonti inni d'ufeefi, aka nama hid'e gara qaalole gugurdo geesu.
Gara gumi Waaqa ta Korintho jirtu ta yaamani worra Waaqa tolchani, ta maro Kristo Yesotiifi worra isaa taate, ammalle gara nama lafa ch'ufa ka maqa Aabbo Yeso Kristo yaamatu: Inni Abba keennafi ka worraati.