13 Jennaani Ananiani waan jed'e, Aabbo, anini ya nama heddu ira waan namicha kana d'agaye, aka inni gumi tante qulqullo Yerusalemu jirtu waan hamtu tolche.
Ammo nami isa d'agaye ch'ufti mame waan jed'e, Kunini namicha nama maqa kana yaamatu, Yerusalemu keesati, ijeese kaaniyu? Ammalle wonti inni d'ufeefi, aka nama hid'e gara qaalole gugurdo geesu.
Gara gumi Waaqa ta Korintho jirtu ta yaamani worra Waaqa tolchani, ta maro Kristo Yesotiifi worra isaa taate, ammalle gara nama lafa ch'ufa ka maqa Aabbo Yeso Kristo yaamatu: Inni Abba keennafi ka worraati.
Amma waan hori gumi Waaqa ta Yudea jirtuni qarqaarani ka isani na gaafattani, anini akana jed'a: waan anini gumi Galatiatini tolcha jed'e tolchuu maltani.
Maqaani keenna Paulofi Timotheo, hojattu Kristo Yeso. Gara gumi Waaqa ta lafa Filipi keesa jirtu, ta Kristo Yeso d'ugefattu, jaarole gumitiifi jara gumi Waaqa hojatu woliini: