11 Aabbooni waan isaani jed'e, Kai, gara Kara Qajeela jed'ani d'aqi, mana Yuda keesa, nama toko ka Saulo jed'ani, nama lafa Tarso, barbaadi. Inni Waaqa kad'achu jira.
Anini Yahudi, dira Tarso keesati d'alad'e, ka Kilikia keesa jiru, ammo anini dira kana keesa Gamalieli jalati guddad'e. Aada Seera ababoota teenna ch'ufa akuma d'ugaa na barsiisani kara Waaqaa owise iti jabaad'e, akuma isani guyya kana tolchuuti jirtani kana.