9 Ammo namicha tokoti jira, ka Simoni jed'ani, ka duri dira suni keesati huji yuuba tolche, worra dira Samaria, sobe, jabeenna ufi odeese.
Jennaani Faraoni worra qarootafi falfaltu wolti yaame, duuba worri sunileeni tolcha isaanitiini akasuma wa tolche.
Jennaani worri Misiri ka wo tolchu akuma suni tolcha ufii tolche, Faraoni akuma AABBO Waaqi qara jed'e kaani garaa jabaate dubbi Musafi Haruni d'agayu dide.
Worri wo tolchu kaani Musa dura eju dad'abe, wonti akanatiifi d'ullaani ya worraafi worra Misiri ch'ufa qabate.
Hojja nami worra ekhera wogaafatu gorsa iraa fud'achu d'aqu, anini nama suniti garagale deebie nama suni gumi tiyyati inheregu.
Nami qalbi ufiitini dubbatu guddinna barbaada. Ammo anini ka guddinna Waaqa na erge barbaadu ka d'ugaati; ammalle na keesa d'arti injirtu.
Eegi worri lafa suni ch'ufa ke yae haga Pafo taake, falfalticha toko argani, ka Bar-Yeso jed'ani.
Ammo falfaltichi kaani ka afaani Grikitiini Eliama jed'ani Barnabafi Saulo dubbachu d'owu fed'e, aka akasiini namichi guddaani kaani suni d'agaye ind'ugefanne.
Duri namichi toko ka Theuda jed'ani, ka nama gudda ufi sehe, d'ufe, nami haga d'ibba afuri isati mataqe. Ammo isa ijeesani, jennaani nami isa gula yae ch'ufti gargari firfirfame.
Worri ch'ufti isa ch'aqase waan inni huji yuuboomatiini guyya heddu worra sobeefi.
Waan nami kad'atuufi ka nami guddisu ch'ufa inni indida. Inni waan ch'ufa ira ufi guddise, d'aqe Mana Waaqa keesa tae Waaqa ufiini jed'a!
Nami ufo tahe, sabdae, ufi guddise, ufi saada; wolarabsani, worra ufiiti saalfachu didani, galata deebisu, didani, aada Waaqa lakisani;
nama aada Waaqa guutu ufi tolchani, ammo jabeenna isi didani. Jara akana kana ira fagaad'u.
Dubbi kiyyibatiifi ta daalluma dubbatani, nama diquma toko worra wollaala qabu keesaa imbahiini d'araa nafatiini sobani t'urura ke buusani.
Ammo moga dira, worra hamamafi falfaltufi algalaafi ka nama ijeesufi ka waan harkaani boch'ani kad'atuufi nama dubbifi hujiini kiyyibuuti jira.