37 Filiponi waan jed'eeni, Yo atini garaa kanke ch'ufaani d'ugefatte si batisani, Inni waan Filiponi jed'e, Ind'ugefad'a aka Yeso Kristo Ilma Waaqa.]
Simoni Petroni waan jed'eeni, Atini Kristo, Ilma Waaqa jiruuti.
Tanaafi fulla ch'ufa yaa, gosa ch'ufa nama kiyya tolcha: maqa Abbaatiifi ka ilmaatiifi ka Lubbu Qulqullotini aada batiso namaa kenna,
Nami d'ugefate batifamu imbaafama, ammo ka ind'ugefanne wollaala iti murani.
Isiini waan jetteeni, Ee, Aabbo, aka atini Kristo, Ilma Waaqa, ka lafati d'ufu jed'ani, ani la d'ugefad'e.
Ammo haga kana ya t'aafani, aka isani aka Yesoni Kristo Ilma Waaqa d'ugefattani, d'ugefannaani aka maqa isatiini jireenna argattani.
Simoni Petroni waan jed'eeni, Aabbo, eennuti yaana? Atini dubbi jireenna hegeri qabda.
Yesoni aka alati isa gussani d'ageennaani barbaade waan jed'eeni, Atini Ilma Nama d'ugefatta?
Petroni waan jed'eeni, Daba iraa deebia, isaniini ch'ufti maqa Yeso Kristotiini batifama, aka daba keesani isanii araaramani; duuba qarqaarsa Waaqa ka Lubbu Qulqullo argattani.
Ammo worri Filipo Odu Dansa ta Finna Waaqatiifi maqa Yeso Kristo hasau d'ageennaani d'ugefate, d'iirafi nad'eenileeni batifamte.
Atini waan kana keesa diqole qooda inqabdu, garaani kanke fuula Waaqa durati dansaniti.
Ammalle ato worri yau, fulla bisaani toko d'ufani; namichi kaani waan jed'e, Me ilaali, bisaaniti arma jira, malti batiso argachu naa d'owa? [
Gaari d'aabachiise, worri lachu bisaani keesa duude Filiponi isa batise.
Hojuma suni inni maneeni Waaqa iti kad'atani seene waan Yeso odeese, Yesoni Ilma Waaqa jed'e.
Wonti akanatiifi yo nami garaa ufitiini d'ugefate d'uga argata, afaani ufitiini himate baafama.
Hubachu maltani aka nami Lubbuuni Waaqaa deemtuni tokoleeni dandae Yeso inabaare, ammalle nami tokoleeni dandae Yesoni Aabbo injed'u, yo Lubbuuni Qulqullooni isaani deemtu male.
Bisaani kunini waan batiso agarsiisaati, ta amma isani baaftu, t'uri nafa ira ind'iit'u, ammo kakhu qalbi dansaani Waaqati kakhataniini isani baafti. Batisooni maro kaisa Yeso Kristotiifi isani baafti,
Nami, Yesoni Ilma Waaqa jed'u ch'ufa Waaqi isa keesa taa, innileeni Waaqa keesa taa.
Nami aka Yesoni Kristo d'ugefatu ch'ufti ijoolle Waaqa; nami abba jaalatu ch'ufti ilma isale injaalata.
Nami Ilma Waaqa d'ugefatu ch'ufti d'uga tana garaa ufi keesa qaba; ammo nami Waaqa ind'ugefanne ya Waaqa kiyyiba tolche, maro inni waan Waaqi waan Ilma isaa d'ugeese d'ugefachu dideefi.
Eentu dandae lafa dabsata: nama aka Yesoni Ilma Waaqa d'ugefatu male?