AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Anini woraqata abaarsa ira t'aafani kana lafa keesa erga; duuba inni mana hattu ch'ufafi ka nama waan d'ara kakhatuti seene, mana suni keesa tae, balleese gargari jissa.
Nama d'ukuba qabu fayyisa, ka duele kaasa, ka qomaat'a qabule fayyisa, jinnile nama keesa baasa. Gati male isanii kennani isanileeni gati male namaa kenna.
Ganni gati nama lakisani ya d'aate jettani, waan hamtu hereddani, gati ind'owatiina. Heregi akasi hamaani suni qalbi teesani inseeniini. Yo isani gati d'owattani, inni AABBO Waaqati bohe, isani ch'ubbu keesa seentani.