58 dira keesaa baasani, d'akhaani had'ani. Worri waan kana arge woya ufi fulla namicha kaima toko ka Saulo jed'ani naqani.
Worri hamani kaani d'aatu isaa tatae, waan biyyaani jed'e, Nami kunini Waaqafi hayyu arabse, jennaani dira keesa allaati baasani, d'akhaani d'aanani ijeesani,
Jennaani AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Namicha kana ijeesu malani; gumiini ch'ufti ha olla keesaa baafte d'akhaani haate ijeeftuti.
Kakaani dira keesaa isa gussani, gara gaara dira isaani gubba jaarani isa geesani, aka sila fiit'e gaara iraa isa darbatani.
Gaafa Stefano, ka d'uga teeti, maro teetifi ijeesani, anini bira eje duisa isaa ee jed'e woya worra isa ijeesele qorqorad'e jed'e.
Ato worri gohe woya hargufe biyye oli dadarbatanu,
Ammalle anini nama Kara kana gula deemu haga duisa gaargalche, d'iirafi nad'eenile hid'e, mana hid'aansa keesa naqe.
Waan kana Yerusalemu keesati tolche. Jabeenna Qaallicha Gudda ira argannaani, worra Waaqaa heddu hid'aansa keesa naqe; hojja duisa iti murani anileeni ee jed'e.
Tanaafi jara toko gumbeesani waan jed'aniini, Nu namicha kana ka Musafi Waaqa arabsu, d'ageenne jed'a namati odeesa.
Nama d'ara dubbatu barbaadani waan jed'aniini, namichi kunini dubbi hamtu Mana Waaqa qulqullo kanaafi waan Seera Musale dubbachu illakimne jed'a.
Jennaani qonqo olfud'atani ch'aarani, gurra ch'uqaalatani, isati oriani,
Sauloni ijeecha isaa Ee jed'e. Guyyuma suni gumi Waaqa ta Yerusalemu jirtu guddo gaargalchani. Duuba ergattu male gumiini taani ch'ufti lafa Yudeatiifi Samaria keesa gargari firfirfamte.
Worri qara isa hime sunini ha qara d'akhaani d'aanuti. Duuba akanaani hameenna akasi suni ufi keesaa baatfani.