50 Harka kiyyati waan kana ch'ufa mid'aaseeniti?
Wonti akanatiifi AABBO Waaqi guyya jaa keesati gubba, lafa, galaanafi waan keesa jirale ch'ufa mid'aase, guyya torbeeso hafuura baafate. Tanaafi AABBO Waaqi Sabato eebise qulqullo tolche.
Isani imbeetani? Isani ind'ageenne? AABBO Waaqi Waaqa haga jiru jireenna jiru; lafa ch'ufa haguma geetuuni isumati uume. Inni dad'abe illaafu. Nami tokoleeni herega isaa inhubatu.
Anini AABBO Waaqa, ka isani baase; anumati isani uume. Anini AABBO Waaqa, ka waan ch'ufa mid'aase gubbale qofuma tiyya dirirse; gaafa anini lafa mid'aase namu na inqarqaare.
Nami lafa mid'aase nama isi irati uume anuma. Harka kiyyaani anini gubba dirirse aduufi jiaafi urjileeni harka kiyya keesa jirti.
Nami lafafi gubba uume anumaniti? Nami anini iraa gammadu, nama ufi diqeese ch'ubbu lakise, na sodaate naa saalfatu.
(Waan isani worra sunini jettani: Waaqa keesani ka lafafi gubba inuumini kana imballeesani. Deebiani lafa keesa fulla tokoleti inargani.)
Ee AABBO Waaqa gudda, atini irreefi jabeenna kanke guddaani lafafi gubba mid'aasite. Wonti atini indandeenne tokoleeni injirtu.
D'iiro, isani maafi waan akana kana tolchitani? Nu namuma aka keesaniti! Nu Odu Dansa isaniti hasoomna, aka waan kana ka woma intahiini iraa deebitani, gara Waaqa jireenna ka gubbafi lafafi galaanafi waan keesa jira ch'ufa uume deebitani.
Waaqi, ka lafafi waan keesa jira ch'ufa uume, waan inni Abba gubbafi lafa taheefi, mana harki nama ijaare keesa intau.