37 Namichi gumi Israelitiini, Waaqi isanuma keesa raaga aka kiyya isanii erga jed'e Musa.
Gaargali iti guddannaani hayyichi Ahazi jed'ani kaani haga qarale ira AABBO Waaqa durati ch'ubbu tolche.
Jennaani worri waan hayyuuni jed'e, namichi Yuda toko ka boojiani, ka Danieli jed'ani, sii insaalfatu, ee hayyicha, yokhaani seera atini baafte inguutu. Inni guyya ch'ufa maro sadi Waaqa kad'ata.
Gumiini taani waan jette, Inni raaga Yeso jed'ani, ka Nazareti Galilaya keesaa d'ufu.
Dumansi d'ufe, worrati gaadiseese, qonqooni dumansa suni keesaa baate waan jette, Kunini Ilma kiyya tokocha, isa ch'aqasa.
Qonqooni dumansa keesaa baate waan jette, Kunini Ilma kiyya, ka anini fohad'e; isa ch'aqasa.
Tanaafi Pilatoni, Atini hayyu re? jed'e gaafate. Yesoni waan jed'eeni, Atu hayyu ya naani jette. Maro waan kanatifi d'alad'e, maro waan kanatifi lafati d'ufe, aka waan kana d'ugeesu. Nami d'ugaa ch'ufti dubbi tiyya d'agaya.
Inni sunuma ka gaafa gumiini Israeli lafa alo keesa jiruti malaika woliini gumi suni keesa jiru. Inni ababoota teennale woliini jira gaafa malaikaani gaara Sinai gubbati isani dubbate, ammalle isumati dubbi Waaqa ta jireenna nu barsiise.