10 gaargala isaa ch'ufa nagayaani keesaa baase. Yusufuni Farao hayyu Misiri dura d'umnaani, Waaqi adaba dansaafi qalbi kenneefi. Faraoni Yusufu lafa Misiritiifi worra isaaleti jaallaba tolche.
Ammo AABBO Waaqi Yusufu jaalate lakisu dide, gudda mana hid'aansale naasiseefi.
Yusufuuni, ka gudda lafa Misiri nama lafa ch'ufa keesaa d'ufe mid'aani iti gurgure. Jennaani oboleyaani isaa d'ufte durati lafaa gajejette.
Yudaani Yusufuti hiiqe waan jed'eeni, Aabbo, nati indallaniini, ato sifi Faraoni wolqit'e taatanile anini wa siini jechu fed'a.
Malaikaani ta gaargala ch'ufa keesaa na baafte isi eebisinna! Maqa kiyyafi ka abbooti tiyya Abrahamufi Isaaqoleeni ijoolle tanaani imbadiini! Isiini ha daraarte ijoolle heddu d'altuti!
Dabafi ch'ubbu worri siti tolche araaramifi, nyaapa worrale naasisifi.
Inni hiyyeesa illakisu, yokhaani gaargala worraale argu indidu. Ammalle duraa ind'okhatu, ammo hojja worri qarqaarsa iti bohu ind'agayaafi.
Inni worra qarqaare, nyaapa worra duraa baase; ammalle waan worri qarqaarsa isaati baqatefi inni harka ch'ubbichale jalaa baasa.
Nami waan AABBO Waaqa gammachiisa ch'alla tolchu nyaapa isaale wold'aqani nagayaani woliini taani.
Nami qarooma namaa kennu AABBO Waaqa, isa iraa beekhaafi hubachaani baati.
Yo atini waan kana tolchite, Waaqafi namileeni sii eebise siraa gammada.
waan jettuuni Yeremia barbaada, jabeesa, qorqorad'a, woma intolchina, ammo waan inni fed'u ch'ufa tolchaafi.
Ammalle Aabbooni hameenna ch'ufa keesaa na baase, haga anini Finna isaa argad'uuti na qorqorata. Guddinni ammafi hegerile ka isaa tahinna! Amini.
Waan worri obseefi gammada qabani jenna. Isani ya obsa Ayubu d'ageetani, duuba aka Waaqi waan inni fed'u ch'ufa eege keenneefi imbeetani. Wonti akasitiifi Aabbooni guddo naasu qaba, guddo namaa naha.
Anini waan jed'eeni, Anini imbeekhu, siti beekha. Inni waan naani jed'e, Kunini worra nagayaani gaargala jala bahe. Worri woya miich'ate d'iiga Hoolatiini adefate.