8 Stefanoni ka eebafi jabeennaani guutame, jiddu biyya keesati waan mamafi akheekha heddu tolche.
Jennaani Yesoni waan jed'eeni, Yo isani akheekhafi waan mama argitani male, diqole ind'ugefattani.
Ammo Lubbuuni Waaqa jabeenna isaa kennite, Stefanoni morku dad'abani.
Nami kora keesa jiru ch'ufti ila Stefanoti qabe, fuula isaa ka aka fuula malaika fakaatu argani.
Tanaafi oboleyaani, jiddu teesani keesa nama torba, ka d'uga, fohad'a, nama Lubbu Qulqullooni guutamefi ka qalbi qabu, duuba nu huji tana iti kennina.
Dubbini tuni gumi ch'ufa gammachiifte, Stefano ka d'ugefachaafi Lubbu Qulqullooni guutame fohatani, ammalle Filipofi Prokorofi Nikanorifi Timonifi Parmenafi Nikolao, ka Antiokia, ka aada Yahuditi gale fohatani.
Ammo Stefanoni Lubbu Qulqullooni guutamnaani, gara gubba sonaani olilaale, guddinna Waaqa arge, Yeso harka mirgicha ka Waaqa oleju arge
Gumiini garaa tokooni waan Filiponi jed'e ch'aqafte, waan mama ka inni tolche d'ageete argite.
Isati wo namaa kenne; nama gari ergattu tolche, ka gari raaga tolche, ka gari odeesitu dubbi tolche, ka gari tissitu tolche, ka gari barsiiftu tolche.
Worri huji dansa hojatu maqa dansa argate, d'ugefacha nu kristo d'ugefannu waan isii aka dansa odeesu dandaa.