Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Huji Ergattu 5:31 - KITAABA WAAQA

31 Waaqi la harka mirgicha ufitiini isa guddise, aka inni Gudda keennafi Qarqaarsa keenna tahe, gosa Israeli daba iraa deebise araarama worraa kennu.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Huji Ergattu 5:31
57 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Duri daayya keesa waan atini hojattu tante ta d'ugaatini jette; anini namicha janna toko qarqaare, nama anini gumi keesaa fohad'e barch'uma hayyu kenneefi.


isa jaalad'e, lakisu dide hojja ch'ufa woi dabsachiisa.


AABBOONI anuma, ana male ka isani baasu injiru.


Wonti akanatiifi anini AABBO, Waaqa keesani, Waaqa qulqullo Israeli, ka isani baasu. Anini worra Misiritiini isani bite, worra Kushitifi ka Sebatini isani balchoomsa.


Koota, dubbi teesani gaadisati himad'a; nami dubbi qabu ha wolgaafatuti. Eenuti waan taha kana duri fage? Ana AABBO Waaqaniti? Waaqi gumi ufi baase anuma, ka d'ibiini injiru.


Anini nama isani dabsu ch'ufa woli ijeesise, worri d'iiga woli aka farso d'uga. Duuba akanaani nami ch'ufti, aka anini AABBO Waaqa ka isani baase isani balchoomsu, beekhu. Ammalle akanaani Waaqa Yakobo ka irre qabu hubatani.


Daimi ya nuu d'alate! Ilma ya nuu kennani! Isati hayyu keenna taha. Maqaani isaani yaamani: Abba mala dansaa, Waaqa Guddaya, Abba jiru jireenna, Hayyu Nagaya.


Akanaani mukhi lafa keesa jiru ch'ufti aka anini AABBO Waaqa beekha. Nami mukha d'ed'eera mure gabaaba baase d'ed'eereersu anuma. Ammalle anumati mukha doti gogose gogale dotteesa. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa. Anini waan jed'u inuma guuta.


Anini, AABBO Waaqi, Waaqa worraa tae, Hayyuuni hojatu tiyya Daudi fakaatuleeni worra mohata. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa.


Worri lafa anini hojattu tiyya Yakobo kenne, ta ababooti worraa keesa teete, keesa tae, worraafi ilmaani worraatifi d'alooti worraa ch'ufti haga jiru jireenna achuma taa. Ammalle hayyu hojattu tiyya Daudi fakaatuti haga jiru jireenna worra mohata.


Dubbi tana jabeesi hubad'i: Haguma gaafa seera baasani, Yerusalemu jaara jed'ani kaani haga nami Waaqi muude fohatu d'ufuti, ganna torbatama ka maro torbati jiddu jira. Dira Yerusalemu mid'aasani jabeesani boolani marsani jaarani, karale ch'ufa iti tolchani; duuba diri suni ganna jaatami lama maro torba taa, ammo ganni sunini ch'ufti bara gaargalati.


Anini ilmaani Dauditifi worra Yerusalemu kaani d'ibi herega naasutiifi ka kad'achatiini guuta. Duuba namicha woraanaani ijeesani kaani laalani, akuma nama ilma tokocha bohu bohaniifi. Aka worri ilmi angafa iraa due bohu, garaa hamaatani bohaniifi.


Isiini ilma deeti, duuba atini maqa isaa Yeso baasi, wonti akanatiifi inni gumi ufi ch'ufa daba keesa baasa.


Yesoni worrati d'iaate waan jed'eeni: Jabeenna ch'ufa, ka lafafi gubbale, ya nati kennani.


Ammo aka Ilmi Nama lafa tana irati jabeenna daba nama araaramuuni qabu argitani,


aka, Ato jabeesani ilaalanile woma inagarre, ato jabeesani ch'aqasanile woma inhubanne; wonti akanatiifi, yo akasi tolchani, sila Waaqaati deebiani, Waaqi nama araarama.


Halkani kana dira Daudi keesa Qarqaarsi ya isanii d'alate, ka Kristo Aabbo jed'ani.


aka haga Yerusalemu iti keyatani iraa deebitifi araarama daba maqa isatiini gosa ch'ufati odeesu malani.


waan niiti taaniini jed'e, Maro dubbi tantetiifi ind'ugefanne, ammo maro nu gurra keennaani d'ageenneefi d'ugefanna, akasiini aka inni d'uguma Qarqaarsa lafa ch'ufa beena.


Waan kana d'ageennaani dubbi isaa quufani, Waaqa faarsani waan jed'ani, Waaqi gosa d'ibile ya daba iraa deebise jireenna kenneefi.


D'aloota nama kana keesa, Waaqi ya Qarqaarsa Israeli, ka duri kakhate, tolche, ka Yeso jed'ani.


Ya harka mirgicha Waaqati olfuud'ani, inni Lubbu Qulqullo isa ira argate, akuma Abbaani kakhate; wonti isani amma argitani d'ageettani kunini qarqaarsa inni nuu kenne.


Nami Israeli ch'ufti ha hubatuuti, aka Waaqi Yeso kana ka isani mukhati fanniftani Aabboofi Kristo tolche!


Petroni waan jed'eeni, Daba iraa deebia, isaniini ch'ufti maqa Yeso Kristotiini batifama, aka daba keesani isanii araaramani; duuba qarqaarsa Waaqa ka Lubbu Qulqullo argattani.


Abba Jireenna ijeeftani. Ammo Waaqi duisa keesaa isa kaase, nu d'uga waan kanaati.


Tanaafi daba iraa deebia, Waaqaati fuula deefad'a, aka inni daba isani iraa d'iqu,


Tanaafi Waaqi isa fohate, Hojattu ufi qara isaniti erge, aka isani eebise kara keesani hama ira isani gorsu.


Yesoni kuni sunuma ka t'aafiini waan isaa dubbatte waan jettu, D'akhaani isani ijartuuni tuffattani ya d'akha jaba tahe.


Yo isani nama tokoo araaramtani anileeni ya isaa araarame. Hojja anini namaa araaramu, yo anini d'uguma nama araarame, anini maro teesaniifi araarama fuula Kristo durati,


Inni d'iiga ufitiini nu bite nu baase, daba keenna nu araarame. Eebiti Waaqa,


Ammo worri keenna gubba; Qarqaarsa keenna Aabbo Yeso Kristo ka gubba gadi d'ufu eegachu jirra.


Ilma suniti nu balchoomse daba keenna nu araarame.


Anini tatabe tana Titoti t'aafa; inni ilma kiyya ka d'uga, d'ugefacha nu woliini qamnu tana keesa: Waaqa Abbaafi Yeso Kristoni, Qarqaarsi keenna, eebafi nagaya isanii kenniina.


abbooti woma dura inhatiini. Ammo ha dansoomafi d'uga garsiisani, aka barsiisa Waaqa Qarqaarsa keenna, waan tolchani ch'ufa keesati, d'ugeesitu.


Ato Guyya eeba ka nu abdannu eegannu, guyya guddinni Waaqa Guddafi Qarqaarsa keenna Yeso Kristoni mullatu.


Yeso ufi durati laalla, waan d'ugefachaani teenna haga qaratiifi haga muummele isa keesa jirtuufi. Inni duisa maskali obse, maro gammada isa eegatuufi maskali gubbati duu inch'eerfanne, amma barch'uma Waaqa mirgaani taa.


Aki Waaqi, ka waan ch'ufa uume qorqoratu, gaargala Yesoni argateeni isa qit'oomsu fullaa, aka ilmaani heddu guddinna isaa qoodachiisu. Wonti akanatiifi nami worra dura deeme baafama worraa kennu Yeso.


ka gubbati oldeebie harka Waaqa ka mirga tae, malaikafi jabeennaafi humna gubba jiru ch'ufa fidu.


Maqaani kiyya Simoni Petro, anini hojattufi ergattu Yeso Kristo. Anini tatabe tana gara worra d'uga Waaqaatiifi ta Qarqaarsa Yeso Kristotiini d'ugefacha dansa aka teenna argateti t'aafa.


Kara kanaani aka Finna Aabbo keennafi Qarqaarsa keenna Yeso Kristo ka hegeri argattani isani tolchani.


Yo nami maro Aabboofi Qarqaarsa keenna Yeso Kristo beekhufi t'uri lafaa keesaa bahe, ammo ammalle hameenni suni isa qabe dabsate, nami sunini haga qarale ira hameenna keesa jira.


Ammo eebafi hubacha Aabbo Qarqaarsa keenna Yeso Kristo keesa guddad'a. Guddinni ka isaati, ammafi hegerile! Amini.


Ammalle nu ya garre ammalle biyyati odeesina aka Abbaani Ilma ufi erge, aka Qarqaarsa lafaa tahu.


Waaqa tokocha, Qarqaarsa keenna, Aabbo keenna Yeso Kristo keesa, guddinnaafi ulfinnafi humnafi jabeenni ka duriitifi ka ammalleeni ha tahu, ammafi hegerile! Amini.


Yeso Kristoni, d'ugaani d'ugefatani, Ilmi angafa ka duisa keesaa kaasani, ka hayyu hayyoota lafa tana, eebafi nagaya isani kenninna. Inni nu jaalata, ammalle d'iiga ufitiini daba keesaa nu baase,


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ