25 Jennaani namichi toko d'ufe waan worraani jed'e, Ilaala, jari isani mana hid'aansa keesa nat'ani, Mana Waaqa keesa ejaanje biyya barsiisu jira jed'e.
Inni gaargala dukana kaani keesaa worra baase, sansalata worraani hid'anile ch'ach'abse.
AABBO Waaqi waan nani jed'e, Naabo Mana Waaqa keesa eji, dubbi anini, dira Yudati himi siini jed'e tana, worra Waaqa kad'achu d'ufeti himi. Waan tokole inhambisini.
Dubbi suni d'ageennaani hayyichi aka male dallane. Jara suni sadeeni natiini koota jed'e.
Maro tiyyaafi hayyootafi jaallaba durati isani hirkisani, aka worraafi gosa d'ibile durati d'ugeesitani.
Ammo jari gari kae gara Farisayo d'aqe, waan Yesoni tolche iti odeese.
Guyya toko Petrofi Yohanani saatiini kad'achaa geennaani qit'e saa sagali Mana Waaqa woliini d'aqani.
Gudda Mana Waaqatiifi qaaloleeni gugurdooni waan kana d'ageennaani waan ergattuuni taate guddo mamte.
Jennaani namichi gudda Mana Waaqa askarti woliini ergattu fuud'u d'aqe, ammo irreeni infuune laanuma fuud'ani, wonti akanatiifi worri waan biyyiti d'akhaani d'aantu sehe sodaate.