18 ergattu guurani, mana hid'aansa keesa naqani.
Worri aka male nati dallane, na d'aanani, mana Yonathani, ka tatabe t'aafu, ka mana isa mana hid'aansa tolchaniti na hid'ani.
Aka Yohana qabani d'ageennaani Yesoni Galilayati deebie.
Ammo waan kana ch'ufa durati isani qabani gaargalchani, maneeni Waaqa iti kad'atani duraani isani d'ufani, mana hid'aansa keesa isani buusani; maro tiyyaafi hayyootafi jaallaba dura isani geesani.
Petrofi Yohana qaqabani mana hid'aansa keesa kayani, waan lafti galgalooftefi haga boriyya achuma keesati lakisani.
Ammo Sauloni gumi Waaqa guddo gaargalche, mana ch'ufa seene, d'iirafi nad'eenile hid'aansati guure.
Worri hojattu Kristoti? Aka maraata dubbad'a — ammo anini hojattu Kristo ka worra ira jiru. Anini ya worra ira hojad'e, ya worra ira na hid'ani, ya worra ira na d'aanani, ya worra ira duisati d'iaad'e.
Nama gari goyeesani lichooni d'aanani, ka gari haada sibiilatiini hid'ani mana hid'aansati geesani.
Gaargala d'ufu insodaatiini! Ch'aqasi, Sheet'ani isani gari mana hid'aansa keesa buuse isani ilaalata; haga bulti kud'ani d'ipatani gaargaltani. Haga dootuuti nama d'ugefatani tahi, duuba anini eebafi jireenna sii kenna.