Herodeni aka jari ilaboru d'ufe kaani isa sobe arginaani guddo dalane, nama erge ijoolle d'iira ta Bethlehemu keesa jirtuufi ta reera suni keesaa, ta ganna lama asi fit'a jed'e, aka ganna jara mirga d'ufe iraa hubate gula.
Tanaafi gurri isaa lafa Shamu ch'ufa gahe, nama d'ukuba qabuufi ka fayyad'abaani gaargale, ka jinni qabu, ka gagabdufa, ka naafatele isatiini d'ufani, inni worra ch'ufa fayyise.
Gaafa toko, ato inni nama barsiisu jiru, Farisayoofi jari Seera beekhu ka olla ch'ufa ka Galilayatiifi ka lafa Yahuditiifi dira Yerusalemule d'ufe woliini tataani.