14 Ammo nami hedduuni, d'iirafi nad'eenileeni d'ugefannaani gumi Aabbooti darame.
Sagale tana nama ch'ufa d'iirafi nad'eeni Israeliti qoode: Sagaleni sunini qit'a, fooni wat'alatifi zabibu gogoddu. Duuba nami ch'ufti kae worra ufiti gale.
Ato Ezrani mana Waaqa dura jilbifate bohe Waaqa kad'ate daba kana ch'fa himachu jiru, gumiini gosa Israeli ta muume inqamne d'iirafi nad'eenifi ijoolleeleni - aka hamtu boote fulla isaati wolti baate.
Jennaani inni kitaaba suni fulla gumiini iti baatu sunitini d'ufe — d'iira, nad'eeni, ijoolle gugurdo wohubatu.
Nami ch'ufti fed'i ufii gula d'iirafi nad'eeni taanaani, biinki barreesanifi qube gurratiifi qube qubatiifi faaya mormatiifi ammalle faaya worqile ch'ufa AABBO Waaqaa d'ufeeni.
Worri na baane, AABBO Waaqa ch'alla keesa d'ugaafi jabeenni jira jed'a. Nama isa jibbu ch'ufti yo isati d'ufu ch'eera argata.
Barnabani nama dansa, ammalle Lubbu Qulqullofi d'ugefacha qaba. Nami hedduuni Aabbooti darame.
Nami hedduuni dubbi isaa d'ugefate batifame, nami haga kunki sadi gumiti darame.
Waaqa faarsani, biyyiti ch'ufti worra jaalatte. Guyya ch'ufa Aabbooni nama baafamu gumiti dare.
Ammalle anini nama Kara kana gula deemu haga duisa gaargalche, d'iirafi nad'eenile hid'e, mana hid'aansa keesa naqe.
Taatule nami dubbi suni d'agaye hedduuni d'ugefate; nami d'iira ka d'ugefate haga kunki shani.
Dubbini Waaqa guddatte, ammalle henni jara Yeso ka Yerusalemu keesa guddate, qaaloleeni hedduleeni d'ugefatte gula yaate.
Ammo worri Filipo Odu Dansa ta Finna Waaqatiifi maqa Yeso Kristo hasau d'ageennaani d'ugefate, d'iirafi nad'eenileeni batifamte.
Ammo Sauloni gumi Waaqa guddo gaargalche, mana ch'ufa seene, d'iirafi nad'eenile hid'aansati guure.
tatabe isa iraa fud'ate, ta gara maneeni Waaqa iti kad'atani dira Damaskiti t'aafani, aka yo nama Kara Aabbo gula yau achiti arge, d'iirafi nad'eenile, hid'e Yerusalemu geesu.
Jennaani gumiini Waaqa Yudeafi Galilayafi Samaria keesa nagaya argate eebifamte, Aabbo Waaqa sodaate qarqaarsa Lubbu Qulqullotiini jabaatte heddatte.
Nami Lidiafi Saroni keesa tau ch'ufti isa arge Aabbooti dedebie.
Waan kana fulluma ch'ufa Yafa keesa nami ch'ufti d'agaye, nami hedduuni Aabbo Waaqa d'ugefate.
Kristofi Sheet'ani wold'aqu indandaani? Nama d'ugefateefi ka ind'ugefatiini maal woli iraa qabani?
Tanaafi Yahudifi gochiti d'ibileeni takuma tisseefi balchaleeni takuma, d'iirafi nad'eenileeni takuma; Kristo Yeso keesati nami ch'ufti taka.