Gumi Waaqa ta lafa Antiokia jirtu keesa, raagootafi nama wo barsiisu jira. Worri suni Barnabafi Simoni ka Guraacha jed'aniifi Lukio ka lafa Kirenetiifi Manaeni ka hayyu Herode woliini guddateefi Saulo.
Ammo Barnabani isa fuud'e gara jara Yesotiini d'ufe. Aka Sauloni Aabbo kara keesati arge, aka Aabbooni isaani dubbate, ammalle aka inni Damaski keesati soda male maqa Yeso hasae worrati hime.
Yakobofi Petrofi Yohanani, jari jaarole fakaatu, aka Waaqi huji tana naa kenne arginaani, naafi Barnabale ee jed'ani nu gula galani, nu nama taka taane, gosa d'ibi keesa hojanna, worri ha Yahudi keesa hojatu jenne woliti buufanne.
Aristarkoni, ka hid'aansa keesa na woliini jiruufi Marikoni, dubriini Barnaba, nagaya isanii d'aamani. Isani ya qara d'aamsa waan isaa d'ageetani, aka yo inni d'ufu isa bulchitani.