24 Duuba gumiini suni waan kana d'ageennaani, garaa tokooni Waaqa kad'ate waan jette, Aabbo gudda, atini Waaqa lafafi gubba uume galaanafi waan keesa jira ch'ufale uumte.
Waaqa kad'ate waan jed'e, Ee AABBO Waaqa, Waaqa Israeli, ka barch'uma kanke akheekha waan lubbu qaba ka koola gubbaa teetu, siuma ch'allaati lafafi gubba uume, ammalle lafafi nama ch'ufa fidda.
Amma tana ee AABBO Waaqa keenna, harka worra Ashuru kana keesaa nu baasi, duuba akasiini gochiti lafa keesa jirtu ch'ufti, aka atini ch'allaani AABBO Waaqa beetu.
Jennaani worri Israeli kad'acha tana kad'ate: Ee AABBO si ch'allati AABBO Waaqa; nami gubbafi urjile uume siuma. Atini lafafi baariinifi waan keesaa jira ch'ufa uumte jireesite wonti gubba jira ch'ufti gajette si kad'ati.
Wonti akanatiifi AABBO Waaqi guyya jaa keesati gubba, lafa, galaanafi waan keesa jirale ch'ufa mid'aase, guyya torbeeso hafuura baafate. Tanaafi AABBO Waaqi Sabato eebise qulqullo tolche.
AABBO Waaqi waan jed'u, Nami isani jabeesu anuma isani maanifi nama sodaattani, ka inni buuyo ira ingoomne?
AABBO Waaqaa sirba! AABBO Waaqa faarsa! Inni worra dabsani harka worra ch'ubbu keesaa baasa.
Ee AABBO Waaqa gudda, atini irreefi jabeenna kanke guddaani lafafi gubba mid'aasite. Wonti atini indandeenne tokoleeni injirtu.
D'iiro, isani maafi waan akana kana tolchitani? Nu namuma aka keesaniti! Nu Odu Dansa isaniti hasoomna, aka waan kana ka woma intahiini iraa deebitani, gara Waaqa jireenna ka gubbafi lafafi galaanafi waan keesa jira ch'ufa uume deebitani.
Saa jaa ka halkani Paulofi Silani Waaqa kad'atani sirbani, nami hid'aansa keesa jiru ch'ufti worra d'agaye.
Eegi gallakisani, worri gumiti dachae, waan qaalole gugurdofi jaaroleeni worraani jette ch'ufa gumiti hasaani.