23 Eegi gallakisani, worri gumiti dachae, waan qaalole gugurdofi jaaroleeni worraani jette ch'ufa gumiti hasaani.
Anini jaala nama si sodaatu, ka seera kanke guutu ch'ufa.
Worri AABBO Waaqa sodaatu akami dadansa! Gammadi kiyya guddaani yo anini worraa suni woliini jiru.
Hojja anini waan dabre qaabad'u, gaafa anini gumi guddo woliini Mana Waaqaa d'aqe, gumi gammada qabdu ta sirbite Waaqaa faarsa yaatu dura deeme, garaani naa hamate.
Nami qaroo wahelchu qaroo taha, ammo nami daalle wahelchu d'iba argata.
Jennaani biyyiti AABBO Waaqa d'eetu woliini haasoofte, AABBO Waaqi waan worri jed'e ch'aqase dubbi worraa d'agaye. Isa durati kitaaba toko t'aafani, ka waan worra AABBO Waaqa d'eete isaa saalfatule, keesati t'aafani.
Paulofi Barnabani mana hid'aansa keesaa yaani mana Lidia d'aqani. Achiti oboleyaani arginaani jabeesani kaani yaani.
Namichi fayyisani kaani ganni isaa afurtama ira jira.
Duuba gumiini suni waan kana d'ageennaani, garaa tokooni Waaqa kad'ate waan jette, Aabbo gudda, atini Waaqa lafafi gubba uume galaanafi waan keesa jira ch'ufale uumte.