6 Achiti guddaani askarti hobolo toko ta Iskanderia, ta lafa Taliana deemtu arge nu yaabachiise.
Achiti nama Yahudi toko, ka Akila jed'ani, ka lafa Pontoti d'alate, ka d'io niiti isaa Prisila woliini lafa Talianati d'ufe arge. Wonti inni achi d'ufeefi waan Klaudionini aka Yahudiini ch'ufti lafa Rumi keesaa godaantu mureefi.
Namichi Yahudi toko ka Iskanderiati d'alate, ka Apolo jed'ani, Efeso d'ufe. Inni nama arabaani qaro ammalle waan t'aafi ch'ufa guddo hubate.
Aka nu lafa Taliana hobolooni deemu buufannaani worri Paulofi nama hid'aansa keesa jiru d'ibile harka namicha gudda askarti toko ka Yulio jed'aniti kenne, Yulioni gumi askarti Rumi ta askarti hayyu jed'ani keesa guddinna qaba.
Eegi jia sadii nu hobolo toko ta Iskanderiatini kaane, ta haga bara d'aamocha lafa suni keesa teete; maqaani isii Waaqoota lakolee jed'ani.
Jennaani jari mana Waaqa iti kad'atani ka balcha jed'ani tokofi, Yahudi lafa Kireneti d'ufteefi ta Iskanderia d'ufte, ammalle Yahudiini Kilikia d'ufte Stefanoni morkite.