35 Eegi inni akana jed'e, inni qit'a fuud'e, galata Waaqaa deebise, worra ch'ufa durati ch'abse nyaate.
Anini aka seera kanke hayyuleti himu inch'eerfad'u.
Duuba, Buuyo ira tataa biyyaani jed'e, qit'a shanifi qurt'umi lamaani taani guure, gubba olmillate, Waaqa galata deebise, duuba ch'ach'abse, qit'a kaani jara ufiti kenne; worri biyya qoode.
qit'a torbaanifi qurt'umi guure, eegi galata deebise ch'ach'abse, jara isati kenne. Jari biyya dura naqe.
Jennaani gumi teteesise qit'a torbaanu fuud'e galata Waaqa deebise, qit'a ch'ach'abse jara isaati kenne, biyya gololcha jed'eeni. Jennaani jari biyya gololche.
Worra woliini sagale nyaatani tataani, jennaani qit'a fuud'e eebise, ch'ach'abse qoode.
Jennaani Yesoni qit'a shanaani kaani guure, eebise, biyya teteetuti kenne, akasuma qurt'umile haga fed'ani worra kenne.
Taatule hobolooni d'ibiini Tiberia baate, fulla worri qit'a Aabbooni eebise iti nyaate d'ufte.
Wonti akanatiifi anini Odu Dansa iraa inch'eeru: isiini jabeenna Waaqa ka worra d'ugefate ch'ufaani baasani, qaraa fiit'e Yahudi eegi suni gosa d'ibi.
Nami guyya toko jaba sehu maro Aabbootiifi seha; nami waan ch'ufa nyaatuleeni maro Aabbootiifi nyaata, waan inni ato sagale suni inyaatini Waaqa galata deebisuufi. Nami sagale gari nyaachu diduleeni maro Aabbootiifi dida, innileeni Waaqa galata deebisaafi.
maro waan kanatifi anini akana gaargala. Ammo anini ammalle inch'eerfad'u, waan anini nama abdad'e beekhufi, ammalle imbeekha aka inni haga guyyaani gahuuti waan inni harka kiyyati kenne qorqoratu.
Aabbo Yeso d'ugeesu inch'eerfatiini; ana ka maro isaatiifi hid'anile inch'eerfatiini. Ammo, maro Odu Dansaatiifi gaargala obsi, akuma Waaqi jabeenna sii kenne.
Ammo yo maro isani Kristianatiifi isani gaargalchani inch'eeriina, ammo galata Waaqaa deebisa, waan isani maqa Kristo qabdaniifi.