26 Taatule lafa jiddu galaana keesa jirtu toko keesati nu gatu malani.
Olfuud'ani, haada hobolo jala dabarsani jabeesani, waan lafa Libia keesa lit'ani sehani sodaatani. Woya hobolooni deemsisani hiikhani akanumati lakisani.
Eegi bulti kud'ani afuri, ato nu galaana Adria keesa fulluma ch'ufa yayaanu, saa jaa ka halkani, jari hobolo geesu waan lafa tokoti d'iaatani sehe.
Worri waan nu d'akha d'oomnu sehe, sibiila afuri gama dudduubatiini buusani, lafati qabani, aka lafti bariitu kad'atani.
Eegi nu bisaani keesaa nagayaani baane, aka maqaani lafa suni Melita d'ageenne.