Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Huji Ergattu 24:16 - KITAABA WAAQA

16 Tanaafi anini guyya ch'ufa Waaqafi nama duraleti aka wollaala male deemu ufi d'owa.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Huji Ergattu 24:16
20 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Pauloni jaarole kora sonaani ilaale waan jed'e, Oboleyaani, anini qalbi tiyya keesati imbeekha, aka anini, wollaala male, Waaqa dura deeme haga arrale.


Adabi worraa aka waan seeri fed'u garaa worraa keesati t'aafani agarsiisa. Qalbiini worraa aka wonti kunini d'uga agarsiifti, waan hojja gari heregi worraa worra himate hojja gari worraa dubbatufi.


Wonti anini jed'u kunini waan d'ugaati; anini ka Kristoti, inkiyyibu. Qalbiini tiyya, Lubbu Qulqullo keesa, aka anini inkiyyimne nati himti.


Yahudifi gosa d'ibiifi gumi Waaqaa ingufachiisina.


Qalbiini tiyya qulqullo, taatule anini, wollaala inqabu ufiini injed'u. Nami na qoru Aabbo.


Wonti nu ufi guddimnuufi tana: heregi keenna aka dansa nu beesisa, aka lafa tana keesa, keesuma jiddu teennaafi teesani, nu garaa tokooni d'uga Waaqi nu kenneefi eeba Waaqaatiini teenne, ammo qalbi namatiini inteenne.


Huji d'ossatiifi ta ch'eera la lakimne; nama insomnu, dubbi Waaqale ind'aareesinu. D'uga diidati dubbanne aka d'uga qamnu nama ch'ufa agarsiimna, Waaqa duraleeti.


Isani nu d'uga, Waaqileeni nu d'uga: adabi keenna isani worra d'ugefateti qulqullo qajeela, wollaalale inqabu.


d'ugefachaafi herega dansa horattu. Nami gari herega ufi dansa suni gula yau dide, d'ugefacha ufi balleese.


Wonti nu seera kana baamneefi, aka jaalalti ta garaa dansa keesaa baatuufi ta qalbi dansaafi d'ugefacha dansa keesaa baatu, mullattu.


herega dansaani aada d'uga ta d'ugefacha teenna ha jabeesuti.


Anini Waaqa ka qalbi dansaani, akuma ababooti teenna tolchite hojad'uufi, galata deebisa. Anini galata isaa deebisa hojja halkani guyya kad'acha tiyya keesati si qaabad'u.


Nama qulqulloti wonti ch'ufti qulqullo; ammo worra t'uri, ka ind'ugefanne, wonti tokoleeni iti qulqulloniti, maro qalbifi heregi worraa t'uri qabuufi.


Koota yoosi, Waaqati d'iaanna, garaa d'ugatiifi ka d'ugefachatiini, garaa herega hameenna ira qulqulleesaniifi nafa bisaani qullooni d'iqaniini.


Hojja ch'ufa Waaqa nuu kad'ad'a. Nu imbeenna aka herega dansa qamnu, nu hojja ch'ufa waan dansa tolchu feena.


Waan wonti kunini d'uga taateefi, d'iigi Yeso hagasi ira wo baha? Lubbu hegeritiini inni aka sorio d'uga Waaqaa ufi baase. D'iigi isaa herega keenna huji hamtu ira qulqulleesa, aka nu Waaqa jiru hojannu.


Tanaafi yo isani waan fed'i isaa guutanifi, gaargala isani himmalini argatani, Waaqi isani eebisa.


Qalbi teesani qulqullefad'a, aka yo isani arabsani nami maro isani adaba dansaani Kristo gula yaataniifi hameenna isaniti dubbatu ch'eeru.


Bisaani kunini waan batiso agarsiisaati, ta amma isani baaftu, t'uri nafa ira ind'iit'u, ammo kakhu qalbi dansaani Waaqati kakhataniini isani baafti. Batisooni maro kaisa Yeso Kristotiifi isani baafti,


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ