Askartichi isa fuud'e, gara gudda askarti isa geese waan jed'eeni, Pauloni, namichi hid'aansa keesa jiru kaani, na yaame, Kaima kana gara gudda kanketi geesi naani jed'e; inni dubbi jabdu ta siini jed'u qaba.
Inni waan jed'eeni, Yahudiini ya wold'ate ammalle si kad'achu feeti, aka atini bori Paulo gara kora geesitu, aka isiini waan kora keesati dubbi isaa d'agayu feetu ufi tolchitu.