22 Haga inni dubbi tana jed'u ch'ufa ch'aqasani jennaani qonqo olfud'atani waan jed'ani, nama kana lafa tana keesa balleesa jiraachu himmalle.
Ammo gumiini ch'ufti ch'aarte waan jette, Nama kana nuraa balleesi, Baraba nu hiikhi.
Worri ch'aare waan jed'e, Armaa fuud'i, Armaa fuud'i, olfannisi! Pilatoni, Hayyu keesani olfannisa? jed'e worra gaafate. Qaaloleeni gugurdooni waan jetteeni, Nu hayyu d'ibi inqamnu, Kaisari male!
Gumiini guddooni isa gula yaate, Isa ijeesa jette iyite.
Festoni waan jed'e, Hayyu Agripafi worra arra arma nu woliini jirru: isani nama kana inargitani, ka gumiini Yahudi ch'ufti Yerusalemufi armaleti na kad'atte, Inni jiraachu himmalle jette iyite.
Worri dubbi baafama namaa kennitu aka gosa d'ibiti hasoomnu nu d'owu fed'e. Dabi worri guyya ch'ufa tolchu la ammatana muumme bahe. Amma eege dalansuuni Waaqa ya worra d'aqabde.