20 Gaafa Stefano, ka d'uga teeti, maro teetifi ijeesani, anini bira eje duisa isaa ee jed'e woya worra isa ijeesele qorqorad'e jed'e.
Duuba isanileeni waan ababooti teesani taate quuftani; worri raagoota ijeese, isani awaala ijaartaniifi.
Waan kana Yerusalemu keesati tolche. Jabeenna Qaallicha Gudda ira argannaani, worra Waaqaa heddu hid'aansa keesa naqe; hojja duisa iti murani anileeni ee jed'e.
Dubbini tuni gumi ch'ufa gammachiifte, Stefano ka d'ugefachaafi Lubbu Qulqullooni guutame fohatani, ammalle Filipofi Prokorofi Nikanorifi Timonifi Parmenafi Nikolao, ka Antiokia, ka aada Yahuditi gale fohatani.
dira keesaa baasani, d'akhaani had'ani. Worri waan kana arge woya ufi fulla namicha kaima toko ka Saulo jed'ani naqani.
Sauloni ijeecha isaa Ee jed'e. Guyyuma suni gumi Waaqa ta Yerusalemu jirtu guddo gaargalchani. Duuba ergattu male gumiini taani ch'ufti lafa Yudeatiifi Samaria keesa gargari firfirfamte.
Worri aka Waaqi nami waan kana gula yau duaa male jed'u imbeekha. Ammo taatule waan kana tolchu illakisani, ammalle nama waan kana tolchule wolti quufani.
Anini aka niitiini d'iiga worra Waaqatiifi ka worra Yeso d'ugefate ka fit'aniini machoofte arge. Isi arginaani anini guddo maadefad'e.
Anini fulla atini teetu imbeekha, fulla barch'uma guddinna Sheet'anaati. Atini maqa kiyya jabeesite qabatte, gaafa Antipa ka guddo na d'ugeese fulla Sheet'ani tauti ijeesanile, atini d'ugefacha na d'ugefatte illakimne.