11 Maro ifsa sunitiifi anini lafa argu dad'abe; tanaafi waheli kiyya harka naa qabe dira na seensise.
Anini gumi tiyya balla kara worri imbeenne gulaani deema. Anini dukana worraa ifsa tolche, lafa gooro qabdu worraa dirirsa. Waan kana anini tolchu male intau.
Duuba yo nafi kanke ch'ufti ifsa qabaate fullaani diqoole dukanooftu injirre, nafi ch'ufti ifsa qaba, aka waan ifsaani guddo siti ifsu.
Ammatana ilaali, harki Aabbo si gubbaa jira; ila d'abda, haga bulti diqo toko lafa ingartu. Maro tokotu ilti isaa sapupoofte, lafti iti dukanoofte, inni deeme nama ule isaa qabu barbaade.