19 Duuba inni nagaya fuud'e, waan Waaqi jiddu gosa d'ibiti harka isatiini tolche hime.
Aka nami fulla gabayati nagaya worra fuud'u fed'ani, nama Rabbi worraani jed'u fed'ani.
Wonti akanatiifi Yudani qara namuma keenna ka nu huji taka woliini hojanne.
Worri d'ufnaani gumi wolti yaamani, worri waan Waaqi harka worraatiini tolche ch'ufa odeese ammalle aka inni balbala d'ugefacha gosa d'ibile bane odeesani.
Gumiini ch'ufti ch'allifte Barnabafi Paulo ka akheekhafi waan mama ka Waaqi jiddu gosa d'ibii harka worraatiini tolche odeesu ch'aqafte.
Yerusalemu geennaani, gumi Waaqatiifi ergattufi jaaroleeni worra d'ieesite, worri waan Waaqi harka worratiini tolche ch'ufa odeese.
Ammo anini jireenna kiyya inheregu, waan dansale insehu, aka anini deema tiyya gammadaani hobaase huji tiyya ta Aabbo Yesoni naa kenne, ta Odu Dansa ta eeba Waaqa d'ugeesu guutu.
Ammo maro eeba Waaqaatiifi anini akuma jiru jira, eebiti inni naa kenne ufumaa imbanne. Ammo, anini ergattu ch'ufa ira jabaad'e hojad'e, ato waan anini ufiini tolche tahu d'ibaatele, ammo eeba Waaqaati na keesa tolche.
Waan aka anini ergattu na agarsiisu ch'ufa kara obsatiini jiddu teesani keesati tolchani; akheekhafi huji jabdufi waan mama jiddu teesaniti tolchani.
Huji teenna ta nu Waaqa woliini hojannu keesati nu isani kad'anna: ya eeba Waaqa argattani, imballeesina.
Aka waan kana guutu anini gaargale hojad'e irre jabdu ta na keesa hojatu; ta Yeso Kristoni na kenneeni.