Anini waan kana maro heddu isaniti hime, ammalle imimaaniini iti deebie hima: nama hedduti jira, ka jireenni worraa nyaapa Kristo maskali gubbati due tolchu.
Tanaafi nu waan Kristo nama ch'ufati odeesina. Nama ch'ufa gorsineti barsiimna, qalbi teenna ch'ufaani, aka nami ch'ufti Kristo keesati guddate fuula Waaqa duraani d'umnu.