45 Hori yo gurgurani nami ch'ufti akuma woli ira gaargala qabuuni gargari qoodata.
Inni arjomaani hiyyeesa woi kenne, dansumti isaa haga jirtu inhobaatu, inni irre horate, gurra dansa argata.
Nami hiyyeesa wo kenne ya Waaqa wo kenne, AABBO Waaqileeni waan inni kenne suni inuma deebisaafi.
Yesoni waan jed'eeni, Yo d'uguma qit'e tahu feete, waan qabdu ch'ufa gurguri, hiyyeeyi qoodi, duuba durooma gubba argatta, kooti na gula deemi.
Duuba anini waan isaniini jed'u, Hori lafa tanatiini jaala tolfad'a, aka hojja horiini d'umate mana hegeriti isani yaamani.
Yesoni akasi d'ageennaani waan isaani jed'e, Waan toko fitate; waan atini qabdu ch'ufa gurguri, hiyyeeyi qoodi, duuba hori gubba argatta, duuba deebii, na gula kooti.
Zakayooni olejate waan Aabbooni jed'e, Ilaali, Aabbo, anini hori kiyya gama toko hiyyeeyii qooda; yo anini nama tokole hori dabaani ira fud'ad'e, maro afuri deebisaafi.
Jari Yeso ch'ufti, haga dandau, aka oboleyaani Yudea keesa jirtu qarqaaru woli gale.
Nami tokoleeni ka gaargala qabu worra keesa injiru. Nami oobru yokhaani mana qabu, ch'ufa gurgure, hori suni ch'ufa guure,
harka ergattuti kenna; duuba hori kaani nama ch'ufaa gargari qoodani.
Wonti waan qarqaarsa gumi Waaqa ta Yudea keesa jirtuuti ergani ka anini t'aafuufi injirtu.
Akuma t'aafiini jettu, Inni arjoomaani hiyyeeyii kenna, dansumti isaa haga hegeri teeti.
Yo nami hori lafa tana qabaate ammalle oboleesa isaa ka gaargala qabu arge ammo garaa iti jabaate, inni akamiini, Waaqa jaalad'a ufiini jed'a?