Ila borutiifi ila adule ch'ufa nami isa sodaate, nami ch'ufti maqa isaatiifi jabeenna isaale d'eeta. Inni akuma laga yau, ka qilleensi AABBO Waaqa yaasu, d'ufa.
Duuba eegee anini lubbu tiyya nama ch'ufa ira buusa: ilmaani teesani ta d'iiratiifi ta uwalealeeni wo fadde, jaaroleeni teesani oobju oobjatte, kaimi keesanileeni daayyani wo arga.
Wonti akasitiifi d'iirsi ind'ugefanne niiti ufitiini qulqullaa, akasuma niiti ind'ugefanneleeni d'iirsa ufitiini qulqulloofti. Yo sila akasi intahiini ijoolleeni worraa aka ta worra Waaqa imbeenne taati; ammo amma ya qulqulloofte.
Inni nu baase, jireenna qulqullo iti nu yaame, maro nu waan dansa tolchinefiiniti, ammo maro fed'ifi eeba isaati. Inni eeba tana ato lafa inuumiini Kristo Yeso keesa nuu kenne,
Jabeenni isaa jabeenna Waaqaati, ya waan nu argachu male ch'ufa nuu kenne, aka jireenna dansaani teennu, waan nu nama nu yaame guddinnaafi dansooma ufi nu qoode beennuufi.