Gumi Waaqa ta lafa Antiokia jirtu keesa, raagootafi nama wo barsiisu jira. Worri suni Barnabafi Simoni ka Guraacha jed'aniifi Lukio ka lafa Kirenetiifi Manaeni ka hayyu Herode woliini guddateefi Saulo.
Jennaani inni jara gugurda askarti lama yaame waan jed'eeni, askarti d'ibba lamatifi nama fardaa torbaatamafi nama worraani ka d'ibba lama ka Kaisaria yau kurfeesa aka worri saa sadi ka halkani yau.