27 Wonti inni akasi tolcheefi, aka Waaqa barbaadani aka sila isa argani beekhani. Ammo inni nu tokole iraa fago injiru;
AABBO Waaqa, d'uguma atini lafa irati ingalta? Gubbaleeni ato ballo akami tateele si infuutu, duuba Mani anini jaare kunini akami dandae si fuud'a?
Taatule inni waan isa d'ugeesa taka ind'amne ammo waan dansa tolche, isanii roobe, mid'aani isanii kenne garaa keesani sagalefi gammadaani quufsa.
Aka nama d'ibi ch'ufaafi nami gosa ch'ufa, ka maqa kiyyaani yaamani, Aabbo barbaadu.
Haga Waaqi lafa uume jabeenna isaa ka hegeretiifi, waaqoomi isaaleeni, ato ilaani argu baatani, ya waan inni tolche keesa aka dansa mullate.
Hegeri arjoomafi naasufi obsa isaa tuffatta. D'uguma arjooma Waaqa, aka inni daba ira si deebisu fed'u, inagarta.
Gochiti tokoleeni ta, ato haga feetu jabdu taatele, waaqa aka AABBO Waaqa keenna jiru, ka hojja isiini gaargala qabdu worrati gadi d'iaate qarqaaru qabdu injirtu. Inni hojja nu qarqaarsa isa kad'annu ch'ufa, nu d'agaya.