17 Tanaafi mana Waaqa iti kad'atani keesati Yahudifi nama Waaqa sodaatu woliini hasae, dubbi mormeeni, ammalle guyya ch'ufa gabaya keesati worra gara isaa d'ufeeni hasae.
Nami ch'aqasu, ka hojja ch'ufa mana kiyya dura eje balbala keesati na eegu, gammada argata.
Dallansuuni atini worrati dallantu nale gubde, obsa na d'owarte, ee AABBO Waaqa. Jennaani AABBO Waaqi waan nani ned'e, Anini dallansu tiyya ijoolle kara keesa teteetufi kaima wolti bahuti buusa. D'iirsaafi niiti fuud'ani, jaarole hobaatele itiini d'aabatani.
Inni waan worraani jed'e, Lafa ch'ufa keesa yaa, Odu Dansa nama ch'ufati odeesa.
Tanaafi dubbi isani dukana keesati jettani ch'ufa ifsa keesati d'agayani, ammalle dubbi isani dinqati gurrati wolti himtani fiit'e mana gudda gubbati lalabani.
Inni nama dansaa ka Waaqa sodaatu, isaafi worri isaaleeni. Inni guddo maro Waaqatiifi wo namaa kenne, guyya ch'ufale Waaqa kad'ata.
Jennaani Pauloni olkae, harka olfud'ate waan biyyaani jed'e. D'iiro, worra Israelitiifi gosa d'ibile ta Waaqa d'ugefattu, na ch'aqasa!
Eegi gumiini gargari baate Yahudi heddufi nami aada Yahuditi gale hedduuni Paulofi Barnaba gula yaani. Worri worraani hasae, Eeba Waaqa keesati jabaad'a jed'e gorse.
Ammo Yahudiini taani nad'eeni dira suni ta gurra qabdu ta beekhanifi, nama gugurda dira sunilee, Paulofi Barnabati kaafte lafa suni keesa gussite.
Jari d'ugaa toko Stefano guddo bohe awaale.
Hojuma suni inni maneeni Waaqa iti kad'atani seene waan Yeso odeese, Yesoni Ilma Waaqa jed'e.
Nami ufo tahe, sabdae, ufi guddise, ufi saada; wolarabsani, worra ufiiti saalfachu didani, galata deebisu, didani, aada Waaqa lakisani;
nama aada Waaqa guutu ufi tolchani, ammo jabeenna isi didani. Jara akana kana ira fagaad'u.