Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Huji Ergattu 16:31 - KITAABA WAAQA

31 Worri waan jed'eeni, Aabbo Yeso d'ugefad'u, duuba imbaafamta, worra kanke ch'ufa woliini.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Huji Ergattu 16:31
31 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Anini wold'aqisa siifi ilmaani teetifi d'aloota d'ufule woliini tolfad'u jabeese, wold'ageetiini teenna ta jiru jireenna taati. Anini Waaqa keetifi ka ilmaani tanteeti taha.


Anini isa yayu fohad'e, aka inni ilmaani isaatiifi ababoota isaa gorse, aka worri na ch'aqase waan dansaafi ka qajeela tolchu. Yo worri waan kana tolche, anileeni waan Abrahamuu Intolcha jed'e ch'ufa intolchaafi.


Nati deebia, baafama argad'a, isani gumiini lafa ch'ufa keesa jirtu! Waaqi anuma, na male kad'ibini injiru.


Anini herega toko ch'alla worraa kenne: aka hojja ch'ufa dansuma ufitifi ta ilmaani isaaniti jed'ani na sodaatani.


Duuba dubbini tana: Ch'ubbichi inhafu, ammo nami d'uga maro d'ugefacha isaatiifi injiraata.


Nami d'ugefate batifamu imbaafama, ammo ka ind'ugefanne wollaala iti murani.


Ammo nama isa fud'ate maqa isaa d'ugefate ch'ufa inni jabeenna kenne, aka ijoolle Waaqaa tahani.


Ammo haga kana ya t'aafani, aka isani aka Yesoni Kristo Ilma Waaqa d'ugefattani, d'ugefannaani aka maqa isatiini jireenna argattani.


Nami Ilma d'ugefatu jireenna hegeri qaba; nami Ilma d'ugefachu didu haguma jiru jireennale jireenna inargatu, ammo Waaqi haga jiru jireenna isati dallana.


Wonti Aabbooni fed'u tana: aka worri Ilma arge d'ugefatu ch'ufti jireenna hegeri argatu; duuba anini guyya muumme duisa keesaa kaasa.


D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Nami d'ugefatu jireenna hegeri qaba.


Nuleeni akuma worraa aka eeba Aabbo Yesotiini baafamnu d'ugefanna.


Worra ufi ch'ufa woliini batiso argannaani waan nuuni jette yo isani aka anini Aabbo d'ugefad'e agartani, mana kiyya koota achi taa, jette nu sobate.


Worri dubbi Aabbo isaafi nama mana isaa keesa jiru ch'ufati odeese.


Krisponi, ka gudda mana Waaqaa, worra ufi ch'ufa woliini Aabbo d'ugefate. Nami Korintho hedduuni waan kana d'ageennaani d'ugefate batifame.


Bahisi isa ch'alla keesa jira, nami d'ibiini ka Waaqi namaa kenne lafa keesa injiru, ka nu dandeenne baanuuni.


Ammalle ato worri yau, fulla bisaani toko d'ufani; namichi kaani waan jed'e, Me ilaali, bisaaniti arma jira, malti batiso argachu naa d'owa? [


Yo qit'a qara bukheesani Waaqaa kennani, yoosi qit'aani ch'ufti ka isaati; ammalle yo hidda mukha Waaqaa kennani, dameleeni tami isaati.


Wonti Kristoni waan kana tolcheefi aka eeba Waaqi Abrahamu kakhate, maro Yeso Kristotiifi gosa d'ibilee kennani, ammalle aka nuleeni maro d'ugefachatiifi Lubbu Waaqi kakhate arganu.


Ammo t'aafiini, Lafti ch'ufti jabeenna dabaa jala jirti yayu jette, aka worri d'ugefatu galata worra Yeso Kristo d'ugefatuuti kakhatani argatu.


Wonti akanatiifi maro d'ugefachatiifi isani Yeso Kristo keesa ilmaani Waaqa taatani.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ