28 Ammo Pauloni qonqo olfud'ate iye waan jed'eeni, Woma ufi intolchiini, nuuni ch'ufti arma jira.
akuma nama jaalafi oboleesa ufitii Waaqa kad'atu kad'ad'eefi. Anini akuma nama haad'a ufiiti bohu, mata gaqabad'e boheefi.
Nama inijeesiini.
Nami na d'abe ya ufi balleese, ka na jibbuleeni dua jaalata.
Ammo akuma suni, nama hama taate yokhaani daalle taate, waan ch'ufa keesa indabriini — maanifi ato guyyaani kanke ingeenne ufi ijeefta?
Nama haalo fuutani yokhaani haalo imbafatina ammo aka ufi jaalattani nama ch'ufa jaalad'a. Anni AABBO Waaqa.
Ammo waan anini isaniini jed'u, Nyaapa keesani jaalad'a, nama isani gaargalchu Waaqa kad'ad'a,
Ammo Yesoni waan jed'eeni. Ingeeti! Lakisa! Duuba gurra isaa tuqe fayyise.
Yesoni waan jed'e, Aabbo, worra kana araarami, waan tolchu jirani imbeekhani. Woya isaa hit'a buufatani qoodatani.
Guddaani mana hid'aansa hiriiba keesa damannaani, balbala bana qabdu arge, waan nami hid'aansa keesaa baqate sehe, sheefti fud'ate ufi ijeesu fed'e.
Jennaani inni, Ifseeni kooti nama tokooni jed'e, mana keesa ch'ee, holate miila Paulotiifi ka Sila jalati jige.
Qorqorad'a, aka nami tokoleeni haalo woli imfuune, hojja ch'ufa waan dansa wolifi nama d'ibile tolcha.