Mala kiyya, d'iiga kiyya aka sorio ta aadaani teesani maro d'ugefachatiifi Waaqaa baaftu akasuma jissani. Yo akasi taate, anini gammade duuba nu ch'ufti wolumaani qilit'amna.
Gaafa lafa jiru, Yesoni qonqo guddofi imimaaniini aka male Waaqa kad'ate, ka dandae duisa keesaa isa baasu. Waan inni Waaqa sodaateefi Waaqi isa d'agaye.