Naamafi isa gargari baasani, qalbini isaa gargalte ta bineensa taate. Inni harre diidatiini woliini alati gale, aka karaaba buuyo nyaate, alati gale, fiit'eesi guyya ch'ufa isa jiise. Duuba eege inni aka Waaqi guddaani nama fide nama fed'u ch'ufa hayyu tolchu ee jed'e.
Jara worraatiifi jara Herode woliini Yesoti ergani waan jed'ani, Aabbo, nu imbeenna aka atini nama d'uga, atini waan Waaqi nama ira fed'u akuma d'uga barsiifta; waan nami jed'ule iyaaltu.
Worri d'ufe waan isaani jed'ani, Aabbo, nu imbeenna aka atini nama d'uga, ka guddinna nama iyaalle; wonti akanatiifi atini fuula nama inilaaltu, ammo kara Waaqa akuma dansa nama barsiifta. Aki Kaisari damoosa baasani fullaa mo fullaaniti?
Yeso arginaani iti lalabe durati jige qonqo guddooni iye waan jed'e, Ati maal nara qabda, Yeso Ilma Waaqa Gubba Jiru? Anini si kad'ad'a, na ingaargalchiini.