12 Gumiini ch'ufti ch'allifte Barnabafi Paulo ka akheekhafi waan mama ka Waaqi jiddu gosa d'ibii harka worraatiini tolche odeesu ch'aqafte.
Jennaani Yesoni waan jed'eeni, Yo isani akheekhafi waan mama argitani male, diqole ind'ugefattani.
Worri d'ufnaani gumi wolti yaamani, worri waan Waaqi harka worraatiini tolche ch'ufa odeese ammalle aka inni balbala d'ugefacha gosa d'ibile bane odeesani.
Duuba gummiini Waaqaa imaltu worra ergite; Foinikefi Samaria keesa dabrani, aka nami gosa d'ibi gara Waaqa deebie odeesani. Oduuni tuni guddo oboleyaani ch'ufa gammachiifte.
Yerusalemu geennaani, gumi Waaqatiifi ergattufi jaaroleeni worra d'ieesite, worri waan Waaqi harka worratiini tolche ch'ufa odeese.
Duuba inni nagaya fuud'e, waan Waaqi jiddu gosa d'ibiti harka isatiini tolche hime.
Anini garaa jabaad'eti waan Kristoni harka kiyyafi afaani kiyyaani tolche ch'alla odeesa, aka gochiti d'ibiini Waaqa ch'aqaftu.