21 Eegi worri dubbi Waaqa dira suni keesati hasae nama heddu barsiise, worri Listrafi Ikoniofi Antiokiati deebie,
Tanaafi fulla ch'ufa yaa, gosa ch'ufa nama kiyya tolcha: maqa Abbaatiifi ka ilmaatiifi ka Lubbu Qulqullotini aada batiso namaa kenna,
Pergaa yaani dira Antiokia ka lafa Pisidia d'ufani; guyya Sabato mana Waaqa iti kad'atani seenani tataani.
Ammo worri aka awaarti faana worraa d'uga worraa taatu faana d'ad'ate Ikonio d'aqe.
Akuma suni Ikonio keesati worri lachu mana Waaqa iti kad'atani ka Yahudi olduude, ammalle maro dubbi worraatiifi gumiini guddooni ta Yahuditiifi ta Grikileeni d'ugefatte.
D'iiro, isani maafi waan akana kana tolchitani? Nu namuma aka keesaniti! Nu Odu Dansa isaniti hasoomna, aka waan kana ka woma intahiini iraa deebitani, gara Waaqa jireenna ka gubbafi lafafi galaanafi waan keesa jira ch'ufa uume deebitani.
Yahudiini Antiokiatiifi ta Ikonio d'ufte biyya sosobde, Paulo d'akhaani haate, dira keesaa hirkifte, waan inni due seete.
Achi kaani hobolo keesa duudani, Antiokiati dachaani, fullaani tunini fulla qara worra harka ira kayani eebbisani, Beena huji Waaqa hojad'a jed'aniini ergani. Huji suni worri hobaamnaani gale.
Ergattuuni waan kana d'ageennaani, haga Listrafi Derbe, dira lamaani toko, ka lafa Likaonia keesa jiruufi lafa iti aantule iti baqatte.
Odu Dansa achiti odeesite.
Fulla Listra nama tokoti jira, ka haga d'alate dandae olinkaane, ka miili naafa.
Eegi bulti diqo toko Pauloni waan Barnabani jed'e, Gara oboleyaani teenna, ta dira nu dubbi Waaqa iti hasoomne ch'ufu keesa jirtu, dachaane waan worri keesa jira ilaalu male.
Oboleyaani ta Listrafi Ikonio jirtu, Nama dansa isaani jette.
Waaqa faarsani, biyyiti ch'ufti worra jaalatte. Guyya ch'ufa Aabbooni nama baafamu gumiti dare.
gaargala kiyyafi d'aanicha kiyyale agarte. Waan Antiokiafi Ikoniofi Listra keesati na tolchani quba qabda, gaargala hama anini argad'e ch'ufa! Ammo Aabbooni ya waan suni ch'ufa keesaa na baase.