Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Huji Ergattu 14:15 - KITAABA WAAQA

15 D'iiro, isani maafi waan akana kana tolchitani? Nu namuma aka keesaniti! Nu Odu Dansa isaniti hasoomna, aka waan kana ka woma intahiini iraa deebitani, gara Waaqa jireenna ka gubbafi lafafi galaanafi waan keesa jira ch'ufa uume deebitani.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Huji Ergattu 14:15
67 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Gaafa qaraa fiit'e, Waaqi lafafi gubba uume.


Yusufuuni waan jed'eeni, Aabbo kiyya, anini himu indandau, ammo Waaqumati himaansa dansa sii kenna.


Maro waan worri boch'e kad'atuufi ammalle maro worri worra Israeli ch'ubbu keesa buusefi, Baashafi ilma isaa Elani AABBO Waaqa Israeli dallansiisani.


Akuma Yeroboamuni qara tahe, innileeni ch'ubbu tolche, biyyale ch'ubbu keesa buuse, waan harkaani boch'ani kad'achiise, akanaani AABBO Waaqa Israeli dallansiise.


Ama, Ee AABBO Waaqa, waan harkaa na qaba kana argi, araba Senakeribuni si Waaqa gudda arabsu kana ch'ufa d'agayi.


Hayyuuni Ashuru yayu namicha gudda hojattu isaa, Waaqa gudda arabsi jed'e erge. AABBO Waaqi kanke ha araba kana d'agaye worra isa arabsu kana gaargalchuti. Tanaafi atini amma worra keenna ka hafu Waaqa kad'ad'i.


AABBO Waaqi ka lafafi gubba uume isani eebisinna!


Qarqaarsi keenna AABBO Waaqa, ka lafafi gubba uume iraa d'ufa.


Atini nama waaqoota d'araa kad'atu injibbita, ammo anini siuma d'aabad'a.


AABBO Waaqi jecha isaatini gubba uume, aduufi jiaafi urjile dubbi ufiitini mid'aase.


Wonti akanatiifi AABBO Waaqi guyya jaa keesati gubba, lafa, galaanafi waan keesa jirale ch'ufa mid'aase, guyya torbeeso hafuura baafate. Tanaafi AABBO Waaqi Sabato eebise qulqullo tolche.


AABBO Waaqi gubba uume — Waaqi isuma! Inni lafa supe mid'aase, jabeese waan ind'umanne tolche. Inni lafa duwa imid'aasine, ammo fulla nami iti galu tolche. Ammalle inni waan jed'u, Anini AABBO Waaqa, waaqi d'ibiini injiru.


AABBO Waaqi waan jed'u, gumi gosa ch'ufaa wolti koota, isani ka nyaapa keesani jalaa baatani, wolti baha! Worri mukha boch'e waaqa tolfate sunini yau, ka waaqa dandae nama imbaamne kad'atu, worra wo beekhuniti!


Yo nami d'ufe kad'atele, inni indubbatu, yokhaani gaargala keesaa isa imbaasu.


Worri ch'ufti raatu, woma imbeekhu, worri dandae mukha boch'ani iraa maani barata?


Waaqi harkaani boch'ani ka gochiti d'ibiini qabdu dandae bokayaani d'ufa? Gubbaleeni dandeete ebele iroobdi? Hiyo, ka namaa roobu siuma AABBO Waaqa keenna. Nami waan kana ch'ufa tolchu sii, abdiini teennaleeni gamuma kee jirti.


Ee AABBO Waaqa gudda, atini irreefi jabeenna kanke guddaani lafafi gubba mid'aasite. Wonti atini indandeenne tokoleeni injirtu.


AABBO Waaqi jabeenna ufitini lafa uume; qarooma ufitini mid'aase, gubbale ballise;


Me ch'aqasa! Lafa ch'ufa keesa anini qonqo gumi tiyya ta, AABBO Waaqi Sioni keesa injiru? Hayyuuni Sioni achi injiru? jettu d'agaya. AABBO Waaqi, hayyuuni worraa, waan jed'u, Isani maafi na dallansiiftani waaqa harkaani boch'ani kad'attani akheekha woma keesa injirre durati gajettani?


Anini amma seera baasa, aka nami lafa anini fidu keesa jiru ch'ufti Waaqa Danieli sodaate saalfatufi. Inni Waaqa jiru, ka haga jiru jireenna tau. Finna isaa dandaani imballeesani jabeenni isaaleeni muumme inqabu.


AABBO Waaqi waan jed'u, Worri Yuda ya maro heddu ch'ubbu hojate, tanaafi anini nyaapa worra iraa ind'owu, iti lakisa. Wonti akanatiifi worri ya seera kiyya dide aada tiyyale lakise. Waaqooti d'ara, ta ababooti isaani kad'ate, ya worra kara iraa gorse balleese.


Worri waan harkaani boch'ani, ka woma keesa injirre, kad'atuleeni, yayu si lakise si gula deemu dide.


Tunini dubbi AABBO Waaqi waan Israeli dubbate, AABBO Waaqi ka gubba dirirse, lafa yayabe, namale mid'aase lubbu keesa kaye. Inni waan jed'u,


Simoni Petroni waan jed'eeni, Atini Kristo, Ilma Waaqa jiruuti.


Akuma Abbaani jireenna ufi keesaa qabu, akasuma inni Ilmale tolche aka jireenna ufi keesaa qabaatu.


Nami qalbi ufiitini dubbatu guddinna barbaada. Ammo anini ka guddinna Waaqa na erge barbaadu ka d'ugaati; ammalle na keesa d'arti injirtu.


Ammo Petroni isa olqabe waan jed'eeni, Oljed'i, anileeni akuma kanke namuma.


Nu Odu Dansa isaniti odeesina, aka kakhu suni ta ababooti teennati kakhatani,


Eegi worri dubbi Waaqa dira suni keesati hasae nama heddu barsiise, worri Listrafi Ikoniofi Antiokiati deebie,


Jennaani worra keesaa yaase waan jed'eeni, D'iiro, anini mani tolchu male aka baafamu?


D'iiro, anini imaltu tana keesa aka nu gaargalafi d'ipu guddo argannu arga; hoboloofi miha ch'allaaniti, ammo lubbu teennale insodaad'a.


Eegi guddo agabani, Pauloni jiddu worra keesa ejate waan jed'eeni, D'iiro, isani qara naa ch'aqasu maltani, Krete bahu himmalle, aka gaargala kana arganne hori kana ch'ufa imballeesine.


Tanaafi, d'iiro, garaa jabaad'a! Anini ya Waaqa d'ugefad'e, aka wonti nati himani kuni taatu.


Duuba gumiini suni waan kana d'ageennaani, garaa tokooni Waaqa kad'ate waan jette, Aabbo gudda, atini Waaqa lafafi gubba uume galaanafi waan keesa jira ch'ufale uumte.


Boriyya ato worri woldidu, inni ufi agarsiise, wolti araarsu fed'e waan jed'eeni, D'iiro, isani oboleyaani, maafi woldiddani?


Tanaafi amma waan sagale waan harkaani boch'ani baasani: nu imbeenna aka wonti harkaani boch'ani suni fakeenna waan injirre; ammalle nu imbeenna aka Waaqi toko ch'allaani jiru.


Maqa Aabbootiini anini waan kana jabeese jed'a: aka worra Waaqa imbeenne, ka qalbiini worraa woma imbaanne,


Worri kunini ya waan waaqa intahini kad'ate obsa na d'owe, waan boch'ani kad'ataniini na dallansiise, tanaafi anini gosa gosa intahini fuud'e, akasiini isani obsa d'owe, gosa daalle fuud'e isani dallansiisa.


Nami lubbu qabu tokoleeni ka eegi Waaqa jireenna ka ibida keesaa dubbate d'agaye jiraate injira?


Nami ch'ufti waan gaafa nu gara keesani d'umne, ka isani aka dansa nu bulchitani, dubbata, aka isani waan harkaani boch'ani lakiftani Waaqati deebitani, Waaqa d'uga ka jiru hojattani,


Ammo yo anini turele, tatabeeni tunini aka nu mana Waaqa adaba dansaani keesa tau malle siti himti. Mani suni gumi Waaqa jireenna, utubafi yayaba waan d'uga.


Oboleyaani tiyya, eegad'a, aka nami tokoleeni, isani keesa, garaa hama ka ind'ugefanne argate Waaqa jireenna iraa garingale.


Eliyaleeni duri namuma aka keennaati. Inni guddise Waaqa kad'ate, aka bokeeni imbuune, tanaafi ganna sadifi jia jaa bokeeni buu dide.


Inni ato isani gad'uftanu gosa Kanaanitiifi ta Hititifi ta Hivitifi ta Perezitifi ta Gergeshitifi ta Amoritifi ta Yebusile isani duraa gussa. Duba isani akasiini aka Waaqi jiru isani woliini jiru beetani.


Isiini waan qonqo guddooni jette, Waaqa sodaad'a, guddisa! Wonti akanatiifi hojjaani qorsuma isaa la geete. Waaqa ka lafafi gubbafi galaanafi maddo bisaani ch'ufa uume guddisa!


Anini miila isiti jige isii guddise, ammo isiini waan naani jette, Lakisi, anini hojattuma aka keetiiti, ammalle aka oboleyaani teeti, worra d'uga Yesoni mullise jabeesu ch'ufa. Waaqa guddisi! Wonti akanatiifi d'uga Yesoni mulliseti raagoota dubbachiisa.


Jennaani anini bineensafi hayyoota lafatiifi duula worra, ka namicha farda yaabatufi duula isa had'u fed'u arge.


Ammo isiini waan naani jette, Lakisi, anini akuma keetiifi akuma oboleyaani tante ta raagootatiifi akuma nama dubbi kitaaba kana keesa jiru guutu ch'ufa hojattu. Waaqa guddisi!


Aabboofi Waaqa keenna! Atini Guddinnaafi ulfinnafi jabeenna argachu malte. Atini waan ch'ufa uumte, fed'i teetiini wonti ch'ufti uumamte jireenna argatte jed'ani.


Waaqoota d'ara gula iyyaina; waaqooti akasi sunini dandeete isani qarqaarte yokhaani isani imbaaftu, wonti akanatiifi isiini waaqoota d'ugatiniti.


Daudini waan nama isa bira ejaanjuni jed'e, Nama namicha Filisti kana ijeese ch'eera hama kana gosa Israeli dura baase maani kennanifi? Qarale namichi Filisti kunini ka qabanqaba inqabatini hojja tae askarti Waaqa jiru ch'ompifatu eenu ufi seha?


Anini nyeench'afi gorjamale ya ijeese, namicha aada inqamne, ka Filisti kana, ka askarti Waaqa jiru tae ch'ompifatu kanale inuma ijeesa.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ