1 Akuma suni Ikonio keesati worri lachu mana Waaqa iti kad'atani ka Yahudi olduude, ammalle maro dubbi worraatiifi gumiini guddooni ta Yahuditiifi ta Grikileeni d'ugefatte.
Jennaani Paulofi Barnabani garaa jabaatani waan jed'ani, Dubbi Waaqa qara isaniti hasau malani. Ammo maro isani diddani jireenna hegeri ka isanii male argachu dad'abdanifi nu gara gosa d'ibii d'anna.
Pauloni dira Derbefi Listra d'ufe. Nama Yeso tokoti jira, ka Timotheo jed'ani: inni ilma niiti Yahudi toko ta d'ugefatte, ammo abbaani isaa gosa Griki.
D'iiro, gosa Israeli, nu qarqaara! Namichi kunini sunuma, ka nama ch'ufa fulla ch'ufati barsiisu, aka gosafi Seerafi Mana Waaqaa kana tuffatani. Ammalle nama gosa Griki Mana Waaqa kanaani d'ufe, fulla qulqullo tana t'ureese.