Gaargala keesani, jara Seera beekhufi Farisayo! Kiyyibdoole! Galaana taakitani, lafa fago yaatani, aka nama toko aada teesani barsiiftani; yo inni barate, maro lama haga keesanile ira ibidaa male!
Niitiini toko, ta Lidia jed'ani, ta woya didiimtu gurgurtu, ta dira Thiatira, ta Waaqa guddiftu, nu ch'aqafte. Aabbooni garaa isi bane, isiini waan Pauloni jed'e d'ageete.
Tanaafi nu waan Kristo nama ch'ufati odeesina. Nama ch'ufa gorsineti barsiimna, qalbi teenna ch'ufaani, aka nami ch'ufti Kristo keesati guddate fuula Waaqa duraani d'umnu.
Barsiisaani d'ibiini ta qajeeltu intahiini, d'uga ira isani ingorsiini. Guddo dansa yo eebiti Waaqa garaa nu jabeesite, fulla seera sagale gula yaani ira; wonti akanatiifi worri seera kana gula yau qarqaarsa tokole ira inarganne.