31 Inni guyya heddu worra duri isa woliini Galilaya bahe Yerusalemu d'ufeti mullate. Worri suni amma gumi Israeli ch'ufa durati d'uga isaati.
Jari kud'ani toko gara gaara lafa Galilaya keesa, ka Yesoni worrati hime d'aqe.
Isaniti d'uga waan kanati.
Isanileeni na d'ugeesitani, waan haguma duri na woliini jirtaniifi.
Jari kaani waan jed'e, D'iiro, worra Galilaya, isani maafi ejaanjitani gubba ilaaltani? Yesoni kuni, ka isani bira gubbati oldeebie, akanuma eegi tana deebia, aka isani isa gubba deemu argitani kana.
Inni eegi due guyya afurtama maro heddu ergattu ufiiti mullate aka aka jiru worra ufi agarsiisu, aka nami dandae ind'aarefanne, worri isa arge inni waan Finna Waaqa worrati hasae.
Ammo eegi Lubbuuni Qulqullooni isani ira buute jabeenna argattani, Yerusalemufi Yudeafi Samaria keesafi haga muumme lafale ch'ufa na d'ugeesitani.
Nu d'uga waan inni tolche ch'ufa lafa Yahudi keesafi Yerusalemu keesaleti. Worri isa ijeese, mukha irati fannise.
Nami ch'ufti isa ingarre, ammo jara d'uga isaa tahe, ka Waaqi qara fohateefi nuleeni ka isa woliini nyaanne d'unne, eegi inni duisa keesa kae, isa agarre.
Waaqi ya Yeso kana duisa keesaa kaase, nu ch'ufti d'uga waan kanaati.
Abba Jireenna ijeeftani. Ammo Waaqi duisa keesaa isa kaase, nu d'uga waan kanaati.
Waan kana nuleeni isaa d'uga, nufi Lubbuuni Qulqulloleeni, ta Waaqi worra isa ch'aqasu kennu.