Inni ya guyya tolfate, aka nama lafa jiru ch'ufa d'ugaani qoru, nama inni fohateeni. Inni ya nama kana duisa keesaa kaase, waan kana kara kanaani nama ch'ufaa d'ugeese.
Waaqa Abrahamutiifi ka Isaaqotiifi ka Yakobotiifi Waaqa aabbooti teennati jabeenna Hojattu isaa Yesoti kenne. Isani harka jara gugurdati isa kennitani Pilato durati isa mormattani, eegi Pilatoni isa lakisu fed'ele.