23 D'aloota nama kana keesa, Waaqi ya Qarqaarsa Israeli, ka duri kakhate, tolche, ka Yeso jed'ani.
Gaafa atini doote fulla duri ababoota tante iti awaalaniti si awaalani anini ilma kanke toko hayyu tolche lafa isaale jabeesa.
Atini kakhu jabdu takaa tanale inch'absine Dauditi kakhate waan jetteeni, Anini ilma kanke, nama toko hayyu tolcha, inni fulla tante hayyu taha.
D'alooti Yese hunda mukha murani fakaata; ammo akuma dameeni latte hunda suni iraa baatu, akasuma hayyuuni d'aloota isa keesa d'alata.
Guyyaani ind'ufa, ka nami d'aloota Daudi hayyu tahe, akheekha gosa ch'ufaa tahu. Worri dira isaa keesati wolti bahe isa guddisa.
AABBOONI anuma, ana male ka isani baasu injiru.
Koota, dubbi teesani gaadisati himad'a; nami dubbi qabu ha wolgaafatuti. Eenuti waan taha kana duri fage? Ana AABBO Waaqaniti? Waaqi gumi ufi baase anuma, ka d'ibiini injiru.
Suni gula Isayaani waan jed'eeni, Amma ch'aqasi, atini ka worra Daudi keesa d'alate. Atini aka obsa nama d'owarte Waaqale obsa d'owu feeta?
Ammo worri ana, AABBO Waaqa isaaniti hojate, nama d'aloota Daudi ka anini hayyu tolchule hojata.
AABBO Waaqi waan jed'u, Guyyaani ind'ufa, ka anini mana Daudi, ka jige aka hoosa jiru, deebise fulla isaa ta ch'ach'abde ch'ufa mid'ad'aase jaare aka qara inni jiruti deebisu,
Gammada, qilit'ama, worra Sioni! Gammada, lalaba, worra Yerusalemu! Laala, hayyuuni keesani isaniti d'ufuu jira! Inni ka waan ch'ufa dabsate irre guddo qabuti d'ufa, ammo inni ufi insaadu, harre yaabata — bukhura harreeni d'altuni d'alte gubba taa.
Kunini kitaaba maqa worra Yeso Kristoni keesaa d'alate. Yeso Kristoni d'aloota Daudi, Daudini d'aloota Abrahamu.
Isiini ilma deeti, duuba atini maqa isaa Yeso baasi, wonti akanatiifi inni gumi ufi ch'ufa daba keesa baasa.
Gumiini Yeso dura yaatufi ta duuba yaatu iyite waan jette, Ilmi Daudi ha guddifamu. Ka maqa Aabbootiini d'ufu ha eebifamu! Waaqa ha faarsani jed'ani!
Waan Kristo maani hereddani? Inni ilma eennu? Inni ilma Daudi jed'aniini.
Inni baafama ka taka argani ind'agayiini nuu kenne, d'aloota garbicha ufi Daudi keesa.
waan niiti taaniini jed'e, Maro dubbi tantetiifi ind'ugefanne, ammo maro nu gurra keennaani d'ageenneefi d'ugefanna, akasiini aka inni d'uguma Qarqaarsa lafa ch'ufa beena.
T'aafiini, Kristoni d'aloota Daudi keesaa baha, ammalle Bethlehemu, dira Daudi keesati d'alata jettiyu?
Nu Odu Dansa isaniti odeesina, aka kakhu suni ta ababooti teennati kakhatani,
Inni raaga, waan Waaqi isati kakhate imbeekha: Waaqi isati kakhate aka d'aloota isaa keesa nama toko aka isaa hayyu tolchu.
Tanaafi Waaqi isa fohate, Hojattu ufi qara isaniti erge, aka isani eebise kara keesani hama ira isani gorsu.
Bahisi isa ch'alla keesa jira, nami d'ibiini ka Waaqi namaa kenne lafa keesa injiru, ka nu dandeenne baanuuni.
Isiini waan Ilma isaa Aabbo keenna Yeso Kristo himti: inni d'aloota nafatiini ilma Dauditi,
Israeliini ch'ufti kara kanaani baafamti. Akuma t'aafiini jettu, Qarqaarsi Sioni keesaa d'ufa, inni hameenna ch'ufa d'aloota Yakobo keesaa baasa.
Anini tatabe tana Titoti t'aafa; inni ilma kiyya ka d'uga, d'ugefacha nu woliini qamnu tana keesa: Waaqa Abbaafi Yeso Kristoni, Qarqaarsi keenna, eebafi nagaya isanii kenniina.
Maqaani kiyya Simoni Petro, anini hojattufi ergattu Yeso Kristo. Anini tatabe tana gara worra d'uga Waaqaatiifi ta Qarqaarsa Yeso Kristotiini d'ugefacha dansa aka teenna argateti t'aafa.
Kara kanaani aka Finna Aabbo keennafi Qarqaarsa keenna Yeso Kristo ka hegeri argattani isani tolchani.
Yo nami maro Aabboofi Qarqaarsa keenna Yeso Kristo beekhufi t'uri lafaa keesaa bahe, ammo ammalle hameenni suni isa qabe dabsate, nami sunini haga qarale ira hameenna keesa jira.
Ammo eebafi hubacha Aabbo Qarqaarsa keenna Yeso Kristo keesa guddad'a. Guddinni ka isaati, ammafi hegerile! Amini.
Dubbi raagooti qulqullooni duri jetteefi ammalle seera Aabboofi Qarqaarsi harka ergattu isatiini isanii kenne qaabad'a.
Ammalle nu ya garre ammalle biyyati odeesina aka Abbaani Ilma ufi erge, aka Qarqaarsa lafaa tahu.
Waaqa tokocha, Qarqaarsa keenna, Aabbo keenna Yeso Kristo keesa, guddinnaafi ulfinnafi humnafi jabeenni ka duriitifi ka ammalleeni ha tahu, ammafi hegerile! Amini.
Anini Yesoni, ya malaika tiyya isaniti erge, aka waan kana gumiti himu. Anini hiddafi d'aloota Dauditi; anini bakalcha ganamaani ifsu.