Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Huji Ergattu 11:27 - KITAABA WAAQA

27 Bara suni raagooti gari Yerusalemu baate Antiokia d'ufte.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Huji Ergattu 11:27
19 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Tanaafi waan anini isaniti himu: Anini raagootafi worra qalbi qabuufi qaaloota isani erga; ka gari fitt'ani, ka gari mukhati fanniftani, ka gari Maneeni Waaqa iti kad'atani keesati lichooni d'aantani, dira ch'ufa keesaa haatani.


Tanaafi Qalbiini Waaqaleeni waan jette, Anini raagafi ergattu worrati erga; nama gari ijeesani, ka gari gaargalchani.


Ammo jari gari ka Kiprofi Kirene, Antiokia d'umnaani gosa d'ibileti hasaani.


Oduuni tunini gumi Yerusalemu geete, tanaafi worri Barnaba Antiokiati ergani.


Gumi Waaqa ta lafa Antiokia jirtu keesa, raagootafi nama wo barsiisu jira. Worri suni Barnabafi Simoni ka Guraacha jed'aniifi Lukio ka lafa Kirenetiifi Manaeni ka hayyu Herode woliini guddateefi Saulo.


Achi kaani hobolo keesa duudani, Antiokiati dachaani, fullaani tunini fulla qara worra harka ira kayani eebbisani, Beena huji Waaqa hojad'a jed'aniini ergani. Huji suni worri hobaamnaani gale.


Jennaani ergattufi jaarolefi gumiini ch'ufti ee jette, worra gugurda gumi Waaqaa keesaa nama ufi fohate Antiokiati ergite, Paulofi Barnaba woliini: toko Yuda ka Barnaba jed'ani kaaleni Sila.


Worri kae yae Antiokia d'ufe, gumi wolti yaamani tatabe iti kennani.


Yudafi Silani, waan raagoota tahaniifi, dubbi hedduuni oboleyaani jabeesani gorsani.


Kaisaria geennaani Yerusalemu d'aqe, gumi Waaqa nagaya fuud'e, jennaani Antiokiale d'aqe.


Waaqi waan jed'u, Guyya muumme anini akana tolcha: Anini Lubbu tiyya nama ch'ufa ira buusa; ilmaani teesani ta d'iiratifi ta uwaleeni imfaddi, kaimi keesani daayya arga, jaaroleeni teesanileeni oobju oobjatti.


Jara Yeso arginaani haga guyya torba achi teenne. Worri jabeenna Lubbu Qulqullotiini Paulo iti hime aka inni Yerusalemu ind'anne.


Namichi kunini ijoolle dubra afuri qaba, ta dubbi Waaqa hasooftu.


Dubbini tuni gumi ch'ufa gammachiifte, Stefano ka d'ugefachaafi Lubbu Qulqullooni guutame fohatani, ammalle Filipofi Prokorofi Nikanorifi Timonifi Parmenafi Nikolao, ka Antiokia, ka aada Yahuditi gale fohatani.


toko jabeenna inni waan mamatiini tolchu kennite, ka d'ibi jabeenna dubbi Waaqatiini dubbatu kennitiifi; ammalle nama d'ibi jabeenna inni kenniti Lubbu iraa d'ufteefi ta iraa ind'ufiini himu kennitiifi. Nama toko jabeenna afaani d'ibi dubbatu kennite, ka d'ibi qalbi afaani suni deebisu kennitiifi.


Gumi keesaleti Waaqi ya nama ch'ufa fulla ufi kenneefi: qaraa fiit'e ergattu, ta lameeso raagoota, ta sadeeso barsiiftu; duuba jara waan mama tolchuufi ka d'ukuba fayyisufi ka nama qarqaarufi ka nama dura deemuufi jara afaani d'ibiini dubbatu.


Kenniti dubbi Waaqatiini dubbatani ha nama dubbatu jala jiraatuuti.


Gaafa Petroni Antiokia d'ufe, anini gumi durati isaani morme, waan inni wollaala tolcheefi.


Isati wo namaa kenne; nama gari ergattu tolche, ka gari raaga tolche, ka gari odeesitu dubbi tolche, ka gari tissitu tolche, ka gari barsiiftu tolche.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ