Aabbooni waan isaani jed'e, Kai, gara Kara Qajeela jed'ani d'aqi, mana Yuda keesa, nama toko ka Saulo jed'ani, nama lafa Tarso, barbaadi. Inni Waaqa kad'achu jira.
Ammo Barnabani isa fuud'e gara jara Yesotiini d'ufe. Aka Sauloni Aabbo kara keesati arge, aka Aabbooni isaani dubbate, ammalle aka inni Damaski keesati soda male maqa Yeso hasae worrati hime.