Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Huji Ergattu 11:24 - KITAABA WAAQA

24 Barnabani nama dansa, ammalle Lubbu Qulqullofi d'ugefacha qaba. Nami hedduuni Aabbooti darame.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Huji Ergattu 11:24
21 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Namichi wo eegu kaani waan jed'e, Namichi dura utaalu kunini aka Ahimaasi utaala. Hayyuuni waan jed'e, Inni nama dansa, oduma dansaani d'ufa.


Ayyaana isaati ka arjomaani wa namaa liqeese daldala ufii kara d'ugaatini tolchu.


AABBO Waaqi ejata nama qajeelche, nama isa gammachiisule jabeese qorqorata.


Nami dansaani AABBO Waaqa ira eeba argata, ammo inni nama waan hamtu namati malatu wollaala iti mura.


Nama dansa horini isaa akhakhowani isale ind'aqaba, ammo horini ch'ubbicha ka nama d'ugaa taha.


Ch'ubbichi waan isaa male argata, nami dansaleeni woma dansa isaa male argata.


Nami dansaani hori ufi dansa keesaa waan dansaa baasa; nami hamaleeni hori ufi hama keesaa waan hamtu baasa.


Yesoni waan jed'eeni, Waan dansaa maafi na gaafatta? Nami dansaani toko ch'alla. Yo jireenna argachu feete, seera ch'ufa guuti.


Nama toko jira ka Yusufu jed'ani. Inni nama dansa, ka d'uga, ka kora worra ke jiru,


Guddo biyya keesati gungumani maro isatiifi, Nami gari waan jed'e, Inni nama dansa, hagi toko, Akasiiniti, ufuma nama soba jed'e.


Jabeenni Aabbo worra woliini jira, nami hedduuni d'ugefate Aabbooti deebie.


Worri ch'ufti Lubbu Qulqullooni guutamnaani, afaani d'ibi dubbachu iti keyatani, aka Lubbuuni worra dubbachifte gula.


Waaqa faarsani, biyyiti ch'ufti worra jaalatte. Guyya ch'ufa Aabbooni nama baafamu gumiti dare.


Tanaafi anini guyya ch'ufa Waaqafi nama duraleti aka wollaala male deemu ufi d'owa.


Ammo nami hedduuni, d'iirafi nad'eenileeni d'ugefannaani gumi Aabbooti darame.


Tanaafi oboleyaani, jiddu teesani keesa nama torba, ka d'uga, fohad'a, nama Lubbu Qulqullooni guutamefi ka qalbi qabu, duuba nu huji tana iti kennina.


Dubbini tuni gumi ch'ufa gammachiifte, Stefano ka d'ugefachaafi Lubbu Qulqullooni guutame fohatani, ammalle Filipofi Prokorofi Nikanorifi Timonifi Parmenafi Nikolao, ka Antiokia, ka aada Yahuditi gale fohatani.


Stefanoni ka eebafi jabeennaani guutame, jiddu biyya keesati waan mamafi akheekha heddu tolche.


Jennaani gumiini Waaqa Yudeafi Galilayafi Samaria keesa nagaya argate eebifamte, Aabbo Waaqa sodaate qarqaarsa Lubbu Qulqullotiini jabaatte heddatte.


Ammo tatabe tana keesati ya waan gari ta qara isaniti hime guddo iti jabaad'e isani qaabsiise. Anini waan Waaqi na eebise,


Waan guddo d'ibaati, aki nami maro nama d'ugatiifi duu. Hegeri nami toko maro nama dansaatiifi ufi baase dua.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ