17 Yo Waaqi qarqaarsa aka nuu kenne worra kanale kenne, gaafa nu Aabbo Yeso Kristo d'ugefanne, anini eennu re ka dandae Waaqa d'owu?
Atini maanifi teete Waaqaani, Dubbi nama ind'ageetu jetta?
Atini Waaqaani morkiti, amma illakifta mo? Waan d'ibi jettu qabda?
Inni nama lafa keesa jiru ch'ufa womatu indaru, malaikaani gubbatiifi nami lafaleeni ch'ufti finna isaa jalati bula. Nami woi isani morme, Atini maani taata? jed'e gaafatu injiru.
Worri Yahudi ka d'ugefate ka Petro woliini d'ufe, waan Waaqi Lubbu ufi Qulqullo gosa d'ibile ira buusefi guddo mame.
Eentu dandae bisaaniini worra kana batifamu d'owa, eegi worri akuma keenna Lubbu Qulqullo argate?
Akuma anini dubbi tiyya iti keyad'eeni, Lubbuuni Qulqullooni worra ira buute, akuma duri nura buute.
ammo yo ta Waaqaa taate balleesu indandeetani. Hegeri isani Waaqaani morkitanifa.